Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Daarimuu keessaa ergamtoonni sirnichaa jiraattota qe’ee fi qabeenya irraa buqqisaa jiraachuun himame

ONM-ABO Amajjii 24, 2025 

Ilmaan Oromoo dararuu kaayyoo jalqabaa fi hojii idilee taasifachuun kan bobba’an ergamtoonni Bilxiginnaa, goleewwan Oromiyaa cufa keessaa lammiilee nagaa irratti miidhaa ulfaataa geessisuu cimsanii itti fufanii jiru.

Aanaa Daarimuu ganda Tinjii Muudanaa jedhamu irraa torban darbe keessa dargaggoo Rashiidoo Sheek Habiib jedhamu ergamtoonni Abiy Ahimed “miseensa ABO-WBO’ti” jechuun ukkaamsanii yeroo ammaa kanas haala akkamii keessaa fi eessa akka inni jirus kan hin beekamne ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Dargaggoon kun siyaasa kam keessa kan hin jirree fi nama jireenya dhuunfaa isaa qofa jiraatu hoggaa ta’u, innis badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf yeroo adda addaatti adamfamaa kan ture ta’uus maddeen dabalataan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version