ONM-ABO Ebla 4, 2025
Jiraataa aanaa Daarimuu ganda Waabeekoo kan ta’e, nama maqaan isaa Obbo Ismaa’il Waltajjii jedhamu “hojii gandaa didde” jechuun ergamtoonni sirnichaa Ebla 2, 2025 osoo inni gara hojii dhuunfaa isaa deemaa jiruu magaalaa Odaa jedhamu keessatti badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, Obbo Ismaa’il siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, erga hidhaatti darbatanii boodas sababa kan biroo “armaan dura kaffaltii mootummaa qarshii 3,000’tu sirra jira” jedhuun yakkanii jiraachuu dubbatu.
Gandicha keessaas namoonni haala kanaan qe’ee fi qabeenya isaanii dhiisanii baqatan keessaa kan maqaan nu ga’e; Obbo Taaddalee Yaadataa kan jedhamu yoo ta’u, innis hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’eetti bakki inni jiru kan hin beekamnee fi yeroo ammaa kanas maatiin isaa yaaddoo hamaa keessa jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Kana malees, aanichuma ganda Imbooroo jedhamu keessaa ammoo torban darbe keessa jiraattota dirqamaan gara leenjii milishummaatti guuraa kan turanii fi namoonni hedduunis leenjii kana miliquun qe’ee fi qabeenya isaanii irraa baqatanii jiraachuun ibsameera.

