Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Sibuu Sireetti loltoonni Bilxiginnaa dargaggoo tokko irratti ajjeechaa suukkaneessaa raawwatan

ONM-ABO Amajjii 31, 2025 

Duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti geggeessaa kan jiru, murni garboomfataan PP golee Oromiyaa mara keessatti maqaa “sakatta’a Waraana Bilisummaa Oromoo” jedhuun waraana isaa bobbaasee sabboontota ilmaan Oromoo akka bineensaatti adamsee, haala suukkanneessaan ajjeesee gatuu cimsee itti fufee jira.

Aanaa Sibuu Siree ganda Waliigaltee jedhamutti loltoonni gara jabeeyyiin Bilxiginnaa nama maqaan isaa Wanduu Dhugaasaa jedhamu Amajjii 29, 2025 badii tokko malee rasaasa itti roobsanii ajjeesanii bakkeetti gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru. 

Akka maddeen jedhanitti, dargaggoon kun dhalootaan aanaadhuma kana ganda Baabboo Kuwee ta’uu himuun, siyaasa kam keessaayyuu qooda kan hin qabnee fi badii tokko malee maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo daandii dabarsita” jedhuun yakkanii gara jabina hamaan ajjeesanii gatuu himu.

Aanichatti yakkoonni gara jabinaa tilmaama hin qabne gara jabeeyyii loltoota Bilxiginnaan uummata irratti raawwachaa kan jiru yoo ta’u, jiraattonni hedduun dararaa bifa haarawaan irratti banamee jiruuf yaaddoo hamaa keessa jiraachuun ibsameera.

Exit mobile version