Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Waayyuu Tuqaa keessatti loltoonni faashistii PP dargaggoo tokko irratti ajjeechaa suukkanneessaa raawwatan 

ONM-ABO Caamsaa 9, 2025

Jiraataa aanaa Waayyuu Tuqaa ganda Kiichii kan ta’e, dargaggoo maqaan isaa Waaq-jiraa Taganyee jedhamu Caamsaa 7, 2025 loltoonni maafiyaa PP badii tokko malee qe’ee maatii isaatii erga ukkaamsanii booda, godinuma kana gara aanaa Sibuu Siree geessuun ganda Jaalallee jedhamu keessatti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, dargaggoon kun deggeraa dhaaba siyaasaa kamiiyyuu kan hin taane yoo ta’u, ergamtoonni sirnichaa ammoo sababa sobaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhu itti maxxansuun kan ajjeesan ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Bara bulchiinsa Abiy Ahimed keessa Oromoo ta’uu isaanii qofaaf ilmaan Oromoo irratti murtiin du’aa labsamuun duguuggaan sanyii raawwatamu daran jabaatee itti fufee jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version