ONM-ABO Gurraandhala 25, 2025
Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeel ganda Malkaa Eebichaa jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa dargaggoo maqaan isaa Iyyaasuu Biqilaa jedhamu jalaa Gurraandhala 19, 2025 doqdoqqee abbaa humni isaa 125 tokko fudhatanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.
Dargaggoon kun badii kan hin qabnee fi siyaasa tokko keessaa hirmaannaa kan hin qabne yoo ta’u, loltoonni sirnichaa sababoota adda addaan waan hawaasni hin qabne itti maxxansanii yakkuu amaleeffatan “Waraana Bilisummaa Oromoo deddeebista” jechuun waan inni dafqee hojjetee bitate jalaa fuudhanii deemuun barameera.
Oduu biraatiin ammoo Baha Wallaggaa aanaa Waayyuu Tuqaa ganda Baabboo Meenyaa jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa Gurraandhala 21, 2025 badii tokko malee namoota maqaan isaanii;
- Gammachuu Bultum,
- Abdii Biraanuu fi
- Fayisaa Lammeessaa
jedhaman ”Waraana Bilisummaa Oromoo daandii dabarsitu” jechuun mana isaanii keessaa ukkaamsanii achi buutee isaanii dhabamsiisuu jiraattonni gandichaa ONM’f eeranii jiru.
Namootni kunneen, erga gaafa qabamanii kaasee hanga ammaatti bakki isaan jiran dhibuun mana hidhaa aanichaa fi magaalaa Naqamtee keessa illee barbaadanii dhabuu kan himan jiraattonni gandichaa, aanicha keessatti gochaan lukkeeleen Bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti raawwachaa jiran kan jiraattota nuffisiise ta’uu himaniiru.

