ONM-ABO Amajjii 20, 2025
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeel irraa ergamtoonni sirnichaa hawaasa nagaa badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun saamuun ibsameera.
Aanaa Baabboo Gambeel ganda Malkaa Eebichaa bakka addaa Shaayii Dullachaa jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa gama isaaniif danda’ame maraan hawaasa nagaa dararuu jabeessuun, Amajjii 18, 2025 nama maqaan isaa Obbo Mitikkuu Baqqalaa jedhamu jalaa ameessa tokko jabbii ishee waliin saamuun, dargaggoo maqaan isaa Addunyaa jedhamu immoo badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf yakkuun reebicha hamaa irraan gahanii hidhaatti darbachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Oduuma walfakkaatuun, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo Bulluq keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa hawaasa saamuu cimsanii itti fufuun, magaalaa Saqalaa jedhamu irraa Amajji 17, 2025 utubdoonni sirnicha kufuu jalaa baraaruuf ifaajan namoota maqaan isaanii Tafarraa Baatii Lamuu fi Abbichuu Gaddafaa jedhaman paatiroolii 2’n mana jireenyaa isaanii keessaa ukkaamsuun hidhaatti darbatanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen itti dhiheenyaan hordofan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.
Poolisoonni sirnichaa kanneen Poolisii federaalaa jedhaman magaalaa Shaambuu irraa ka’uun gara aanaa sanaa deemuun kan ukkaamsan yoo ta’u, nama Tafarraa Baatii jedhamuun “WBO ni deggarta waan ta’eef, qarshii 100,000 fidi” jechuun doorsisaa jiraachuun isaanii illee dabalataan ibsameera.

