ONM-ABO Amajjii 11, 2025
Uummata Oromoo qe’ee fi qabeenyaa isaa irratti hadheeffachuun badii tokko malee sobaan yakkuun ajjeesuu, saamuu, hidhuu fi qabeenyaa isaa abiddaan barbadeessuu hojii idilee isaa kan godhate waraanni maafiyaan impaayerattii goleewwan Oromiyaa mara keessatti ilmaan Oromoo, Oromummaa isaanii qofaan yakkuun dararaa hamaa irraan gahuu cimsee itti fufee jira.
Aanaa Diggaa ganda Odaa Dhidheessaa jedhamu irraa kana dura lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun nama maqaan isaa Mahaammad Rashaad Abdallaa jedhamu badii tokko malee horii saddeet jalaa saamuun isa immoo hidhaatti darbachuu isiniif gabaasnee turuun keenya ni yaadatama.
Mahaammad Rashaad, erga horiin isaa saamamee ofiis hidhamee Amajjii 7, 2025 qarshii 20,000 ergamtoonni kanneen saamuun gadi dhiisuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himanii jiru.
Kana malees Amajjii 9, 2025 waraanni Bilxiginnaa mana isaa deemuun ukkaamsanii konkolaataa waraanaa irra buusanii mana hidhaatti deebisuu maddeen itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

