Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Diggaatti ergamtoonni bilxiginnaa hawaasa nagaa reebuu fi saamuu yoo cimsan Aanaa Guutoo Giddaatti ammoo hidhaa hammeessan

ONM-ABO Onkoloolessa 8, 2024 

Murni garboomfataa PP afaaniin nagaa labsaa uummata Oromoo irratti duula duguuggaa sanyii geggeessaa jira. Loltoota isaa bobbaasee hawaasa nagaa rasaasaan tumsiisaa kan jiru kutaalee Oromiyaa cufa keessaa jiraattota adamsee qabuun hidhaatti guuraa, reebaa, saamaa, ajjeesaa, qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqisaa jiraachuun ibsamee jira.

Haaluma kanaan godina Baha Wallaggaa aanaa Diggaatti ergamtoonni bilxiginnaa hawaasa nagaa reebuu fi saamuu cimsanii itti fufuun hawaasni yaaddoo jireenyaa keessa seenee jira.

Onkoloolessa 3, 2024 ganda Madda Jaalalaa jedhamu irraa loltoonni sirnichaa badii tokko malee “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jechuun nama maqaan isaa Mahaammad Suufii jedhamu reebicha hamaa ta’e irratti raawwachuun mukatti fannisuu isaanii jiraattonni gandichaa mira gaddaan himan.

Kana malees, guyyuma kana ganda Qarsaa Daakkoo jedhamu irraa nama maqaan isaa Mahaammad Abdallaa Aliyyii jedhamu manaa barbaadanii dhabuun yoo si dhabne qabeenyaa kee dhabnaa jechuun horii 5 jalaa fudhanii  deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Oduu hidhaan wal qabatuun ammoo aanaa Guutoo Giddaatti loltoonni faashistii Abiy Ahimed jiraattota hidhaatti darbachuu cimsanii itti fufanii jiraachuun ibsameera.

Ganda Jireenyaa jedhamu irraa namoota maqaan isaanii:

  1. Galatii Abdiisaa,
  2. Ayyaanaa Ittaanaa,
  3. Daani’eel Dabalaa,
  4. Fayisaa Aagaa,
  5. Misgaanuu Waaktolee,
  6. Alamuu Uummataa,
  7. Masqaloo Oliiqaa fi
  8. Abbushaa Masqaloo kanneen jedhaman badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun Onkoloolessa 4, 2024 ukkaamsanii hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen ONM dubbise himan.

Kana malees, aanaadhuma kanatti guyyaadhuma kana ganda Qajeelaa jedhamu irraa nama maqaan isaa Camadaa Tarfaasaa jedhamu badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf yakkuun ukkaamsanii hidhaatti darbachuu maddeen itti dabaluun ONM’f himanii jiru.

Exit mobile version