Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Saasiggaatti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa saamuu fi reebuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Muddee 9, 2024 

Miseensotaa fi ajajaa Waraana Bilisummaa Oromoo karaa nagaa akka qabsa’aaniif galchineerra jechuun murni afaaniin nagaa labsaa hololaan uummata burjaajessaa oolu Bilxiginnaan, goleewwan Oromiyaa mara keessatti waraana isaa safuu hawaasaa fi saayinsii waraanummaa hin beekne bobbaasuun hawaasa nagaa irratti miidhaa hangana hin jedhamne raawwachisuu jabeessee itti fufee jira.

Muddee 6, 2024 waraanni sirnichaa aanaa Saasiggaa ganda Baloo Bareedaa bakka addaa 4’ffaa Bareedaa jedhamu keessaa nama maqaan isaa Obbo Ukkaashaa Abii jedhamu jalaa midhaan ardaba 2, madaala hangaa 1 fi baabura midhaan daaku 1 jalaa saamuun, nama maqaan isaa Obbo Jamaal Jibiroo jedhamu ammoo reebicha hamaa irraan gahuun miidhaa qaamaa ulfaataaf saaxiluu maddeen ONM’tti himan.

Namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun miidhaa kanneen kan irraan ga’an ta’uu maddeen dubbatan.

Exit mobile version