Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Shaggar Aanaa Kuyyuutti loltoonni Bilxiginnaa saamichaa fi dararaa hawaasa nagaa irratti raawwachuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Muddee 30, 2024 

Murni Koloneel Abiy Ahimediin durfamu Bilxiginnaan, goleewwan Oromiyaa cufa keessatti loltoota isaa naamusa waraanummaa hin qabne  bobbaasuun hawaasa nagaa irratti miidhaa hangana hin jedhamne raawwachiisaa  jira. 

Aanaa Kuyyuu ganda Liiban Kuraa jedhamu keessaa Muddee 26, 2024 loltoonni gara jabeeyyiin impaayera Itiyoophiyaa nama maqaan isaa Obbo Girmaa Jibichaa jedhamu badii tokko malee reebicha hamaa ta’e irratti raawwatanii mataa isaa dhoosuun, qotiyyoo tokkos jalaa qalatanii nyaachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru. 

Akka maddeen himanitti, namni kun nama nagaa siyaasa kam keessa hin jirre ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa “ilma keetu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhuun gara jabina hamaadhaan yakkoota kanneen irratti raawwachuu dubbatu.

Exit mobile version