Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qondaalaatti waraanni Bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti ajjeechaa, saamichaa fi manneen gubuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Muddee 14, 2024 

Kabaja namummaa hanguma xurii qeensallee dhala namaaf kan hin qabne gara jabeeyyiin loltoota PP, goleewwan Oromiyaa cufa keessatti yakkoota gara jabinaa walfakkaataa irra deddeebiin uummata Oromoo irratti raawwatan jabeessanii itti fufanii jiru.

Aanaa Qondaalaa ganda Shuuraa Maaramoo keessaa Muddee 8, 2024 loltoonni Bilxiginnaa nama maqaan isaa Obbo Mahaammad Alqaadii Lamuu jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Obbo Mahaammad abbaa ijoollee 2 yoo ta’u, siyaasa kam irraa walaba kan ta’ee fi ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa “ilma keetu bosona jira” jedhuun naasuu tokko malee ajjeesanii jiraachuu itti dabaluun ibsaniiru.

Ergamtoonni garaa isaaniif bulan kunneen ganduma Shuuraa Maaramoo keessaa torban darbe nama maqaan isaa Yaasinuu Wanaagaa jedhamu ammoo mana jireenyaa isaa ibidda itti shidanii qabeenyaa hunda waliin jalaa barbadeessuun, horii inni qabu hundaa fi lukkuu soddomas (30) jalaa saamanii deemuu maddeen himan.

Akka maddeen himanitti, Obbo Yaasinuu irratti yakkoonni kunneen hundi sababa Oromummaa isaa qofaaf kan irratti raawwataman ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammallee halkanii fi guyyaa maatii isaa irraan reebicha hamaa gahuun dararaa jiraachuus dubbatu.

Exit mobile version