ONM-ABO Muddee 17, 2024
Mootummaan faashistii Abiy Ahimed loltoota isaa goleewwan Oromiyaa hundatti bobbaasuun maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu” jedhu itti maxxansuun kan durii caalaa hawaasa nagaa saamuu, reebuu fi hidhaatti guuruu jabeessanii itti fufanii jiru.
Aanaa Diggaa ganda Odaa Dhidheessaa irraa Muddee 10, 2024 loltoonni sirnichaa hawaasa nagaan qe’ee isaa irra jiraatu ”hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jechuun nama Mahaammad Aliyyii Muraad jedhamu jalaa midhaan ardaba 18 hoggaa saaman, nama Abdurahmaan Mahaammad Hamiidoo jedhamu jalaa immoo boqqolloo ardaba 16 saamanii jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Muddee 15, 2024 ammoo ganduma kana irraa nama Mahaammad Abdallaa jedhamu jalaa boqqolloo ardaba 6 saamanii deemuun barameera.
Ganduma kana irraa lukkeeleen Bilxiginnaa ajaja qaama isaanii olii guutuuf jecha hawaasa nagaa miidhan guyyaadhuma kana Muddee 15, 2024 namoota maqaan isaanii Xahaa fi Ibraahim Ahimad Abdallaa jedhaman badii tokko malee ukkaamsuun reebicha ulfaataa ta’e irraan ga’anii hidhaatti darbachuun dararaa jiraachuu maddeen itti dabaluun ibsanii jiru.
Aanichatti yakkoonni gara jabinaa tilmaama hin qabne uummata nagaa irratti raawwachaa kan jiru ta’uu fi jiraattonni hedduunis dirqamaan gara leenjii milishummaatti guuramaa jiraachuunis ibsameera.

