ONM-ABO Fulbaana 12, 2024
Gareen faashistii Abiy Ahimed loltoota isaa goleewwan Oromiyaa hundatti bobbaasuun maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu” jedhu itti maxxansuun kan duraa caalaatti hawaasa nagaa reebuu, saamuu fi hidhaatti guuruu jabeessee itti fufe.
Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Diggaatti loltoonni faashistii PP jiraattota saamuu, reebuu fi hidhaatti darbachuu cimsanii itti fufanii jiru.
Ganda Odaa Dhidheessaa jedhamu irraa Fulbaana 11, 2024 loltoonni maafiyaa PP hawaasa nagaan qe’ee isaa irra jiraatu ”ilmaan keessantu miseensa WBO’ti” jechuun namoota maqaan isaanii:
- Musxafaa Harargee,
- Abdurahmaan Amidoo,
- Zeeynii fi kanneen maqaan isaanii adda hin baane hedduu irratti reebicha hamaa ta’e raawwachuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Kana malees, loltoonni sirnichaa qabeenya ilmaan Oromoo saamuu baran kun gandichuma keessaa nama maqaan isaa Nuuraddiin Ahimed jedhamu jalaa re’oota 9 fi maatii isaa jalaa ammoo horii 3 jalaa fudhachuun ifoomee jira.

