Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Diggaatti loltoonni faashistii PP jiraattota reebuu fi hidhaatti darbachuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Onkoloolessa 14, 2024

Gochoonni hidhaa irraa kaasee hanga ajjeechaatti murni bilxiginnaa har’a uummata Oromoo irratti dalagaa jiru godaannisa jabaa yoomuu uummata keessaa hin baanee fi waan garbummaan nama gootu kan namatti mul’isuudha.

Godina Baha Wallaggaa aanaa Diggaa ganda Odaa Dhidheessaa irraa Onkoloolessa 9, 2024 loltoonni sirnichaa hawaasa nagaan qe’ee isaa irra jiraatu ”hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jechuun nama maqaan isaa Zarihuun jedhamu yommuu hidhan, ganda Madda Jaalalaa jedhamu irraa immoo namoota maqaan isaanii:

  1. Geetuu Bashuraa,
  2. Abdurhamaan Bushuraa,
  3. Ahimed Huseen Jawwee, 
  4. Daraartuu kanneen jedhamanii fi namoota biroo maqaan isaanii adda hin baane hedduu irratti reebicha hamaa ta’e raawwachuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himanii jiru.

Aanichatti yakkoonni gara jabinaa tilmaama hin qabne uummata irratti raawwachaa kan jiru yoo ta’u, jiraattonni hedduun dirqamaan gara leenjii milishummaatti guuramaa jiraachuun ibsameera.

Exit mobile version