Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Waayyuu Tuqaatti loltoonni Bilxiginnaa qonnaan bulaa tokko haala suukkaneessaa ta’een ajjeesan

ONM-ABO Sadaasa 2, 2024 

Murni garboomfataa PP afaaniin nagaa dubbachaa uummata Oromoo irratti duula duguuggaa sanyii  labsuun loltoota isaa bobbaasee hawaasa nagaa rasaasaan tumsiisaa jira. Kutaalee Oromiyaa cufa keessaa jiraattota adamsee ukkaamsuun hidhaatti guuraa, saamaa, qe’ee isaa irratti ajjeesaa, qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqisaa kan jiru yoo ta’u, godina Baha Wallaggaa aanaa Waayyuu Tuqaatti loltoonni Bilxiginnaa qonnaan bulaa tokko haala suukkaneessaa ta’een ajjeesanii gatuun himamee jira.

Aanaa Waayyuu Tuqaa ganda Haroo Caalchis bakka addaa Facaasee jedhamutti qonnaan bulaa maqaan isaa Tigistuu Addisuu jedhamu badii tokko malee loltootni sirnichaa Onkoloolessa 30, 2024 maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun rasaasa itti roobsanii ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka jiraattonni kun jedhanitti, qonnaan bulaan kun nama siyaasa kam keessaayyuu qooda hin qabne ta’uu himuun, hojii dhuunfaa isaa qofa hojjetatee nama jiraatu yoo ta’u, namoota waliin hariiroo gaarii kan qabuu fi ergamtoota Bilxiginnaan sobaan yakkamee ajjeefamuu isaa himuun, loltoonni naamusa hin qabne kun yeroo ammaa aanicha keessatti uummata nagaa ba’aa fi gala dhorkuun yaaddoo hamaa keessa galchanii kan jiran ta’uu dubbataniiru.

Exit mobile version