Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ergamtoonni Bilxiginnaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Guduruutti saamicha yoo raawwatan, Godina Baha Wallaggaa Aanaa Waayyuu Tuqaatti ammoo mana qonnaan bulaa tokkoo gubuun saamicha irratti raawwatan

ONM-ABO Waxabajji 13, 2025 

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruu ganda Guutoo Abbayyii jedhamee waamamutti waraanni murna Bilxiginnaa torban tokko dura qonnaan bulaa maqaan isaani: 

  1. Obbo Qalbeessaa Miijanaa jedhamu jalaa sa’a dorrobaa 1 fi re’oota 4 yoo saaman, 
  2. Obbo Abdiisaa Qalbeessaa jalaa ammoo sangoota cimdii 1 fi re’oota 4 jalaa 

saamanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Jiraattonni kunneen badii balleessanii fi hirmaannaa dhaaba siyaasaa kam keessaa kan hin qabnee fi sababa Oromummaa isaanii qofaaf loltoota sirnichaan yakkamanii kan saamaman yoo ta’u, akkuma aanichaatti dararaan lukkeelee Bilxiginnaan jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufee jiraachuun baramee jira.

Oduu biraatiin ammoo, godina Baha Wallaggaa aanaa Waayyuu Tuqaa ganda Kiichii jedhamutti gara jabeeyyiin loltoota Bilxiginnaa Waxabajjii 5, 2025 qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Darajjee Gulummaa jedhamu jalaa manaa fi meeshaalee mana keessaa hunda waliin gubanii erga jalaa barbadeessanii booda, lukkuuwwan hedduu jalaa saamanii deemuu jiraattonni ONM’f eeraniiru.

Exit mobile version