ONM-ABO Caamsaa 30, 2025
Kufaatii dinagdee hamaa impaayerattii mudateen wal-qabatee egeree aangoo isaaf sodaa guddaa keessa kan seene Bilxiginnaan, goleewwan Oromiyaa cufatti ergamtoota isaa kumaatamaan bobbaasuun uummata ofiifuu qaala’iinsa jireenyaan gidiraa hamtuu keessa jiru irratti saamicha daangaa darbe raawwachiisaa jira.
Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Kombolchaa ganda Guutoo Abbayyii jedhamu keessaa waraanni sirnichaa Caamsaa 24, 2025 waaree booda toora sa’atii 9:00’tti sababa tokko malee nama maqaan isaa:
- Obbo Qalbeessaa Miijanaa jedhamu jalaa sa’aa dorrobaa 1 fi re’oota 4 akkasumas,
- Obbo Abdiisaa Qalbeessaa jalaas qotiyyoo 2 fi re’oota 4
saamanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, namoonni saamichi irratti raawwate kunneen qonnaan bultoota siyaasa dhaaba kamiiyyuu hin hordofne yoo ta’an, maqaa dharaan yakkamuus jiraattonni dubbatu.

