ONM-ABO Onkoloolessa 27, 2024
Bilxiginnaan impaayera Itiyoophiyaa siyaas-dinagdee isaa gama maraan kufe utubuuf jecha yeroo ammaa kutaalee Oromiyaa mara keessatti maqaa caasaa kanaan dura gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo diige caasaa gandaa deebisnee ijaarra jedhuun ergamtoota isaa sadarkaa aanaa irraa gara gandaatti gadi buusuun uummata Oromoo irratti saamicha daangaa darbe raawwachiisaa jiraachuun ni beekama.
Aanaa Waayyuu Tuqaa ganda Haroo Caalchis jedhamu keessaa maqaa “ijoollee keessantu bosona jira” jedhuun waraanni sirnichaa hawaasa nagaa irratti saamicha geggeessaa kan jiran yoo ta’u, Onkoloolessa 24, 2024 namoota maqaan isaanii:
- Obbo Tasgaraa Galdaasaa jalaa Loon dallaa tokko guutuu,
- Taaddasaa Walirraa jalaa Hoolota sadii,
- Waggaarii Bookaa jalaa Loon dallaa guutuu, Hoolota sadii, re’oota torbaa fi Mana isaa cabsuun qabeenya mana keessaa guutummaa guutuutti saamanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Maddeen keenya itti dabaluun, waraanni Bilxiginnaa kun yeroo mana Obbo Waaggaarii cabsanii saamuuf jedhanitti sareen gaafa itti duttu sareetti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii qabeenya mana keessaa saamanii deeman jechuun ibsaniiru.
Aanaa Saasiggaa ganda Loomicaa bakka addaa Kaambii Abbaa Boggee jedhamuun beekamu irraa ammoo qonnaan bulaa siyaasa kam waliin hariiroo hin qabnee fi abbaa daa’ima 6 kan ta’e nama maqaan isaa Abrahaam Adam Aliyyuu jedhamu waraanni sirnichaa Onkoloolessa 24, 2024 maqaa sakattaan bobbaate qe’ee isaa irratti badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesuu jiraattonni gandichaa himanii jiru.

