ONM-ABO Onkoloolessa 15, 2024
Bilxiginnaan akeeka ittiin Oromoo balleessan baafatanii guyyuu dachee Oromiyaa dirree dhiigaa taasisaa kan jiran yoo ta’u, maqaa caasaa gandaa Waraana Bilisummaa Oromoon diigame deebisanii ijaaruu jedhuun ajjeechaa jumlaa fi hidhaa daangaa hin qabne geggeessaa jiru.
Akkuma kanaanis godina Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjoo ganda Gomboo jedhamuu Onkoloolessa 13, 2024 nama maqaan isaa obbo Abbiyyuu Misgaanaa jedhamu yakka tokko malee maqaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda jedhuun rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuun ifoomeera.
Obbo Abbiyyuun abbaa ilmaan shanii yoo ta’u, jaarsa biyyaa hawaasa biratti jaalalaa fi kabaja guddaa qabuu dha. Namni kun hirmaannaa siyaasaa kamirraa bilisaa fi nama hojii dhuunfaa isaa qofaa irratti xiyyeeffachuun ofii fi maatii isaa jiraachisu ta’uus jiraattonni ONM’tti himaniiru.
Ona Jimmaa Arjootti akkuma kanaan dura gabaasaa turre yeroo ammaa hawaasni saamicha, gubaatii manneenii fi hidhaa waraana gabroomfataa PP’n dararamaa jiraachuus dubbataniiru.

