Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Saasiggaa keessatti ergamtoonni bilxiginnaa jiraattota saamuu fi ukkaamsanii gara leenjii milishummaatti guuruu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Onkoloolessa 21, 2024 

Dhumni bara aangoo isaa bara kufaatii mootummaa Dargii waliin kan wal fakkaatu murni bilxiginnaa, loltoonni isaa bakka deeman maratti Qawwee harcaasuu, uummata saamuu fi dirqamaan ukkaamsanii gara leenjii waraanaatti guuruu itti fufanii jiraachuun ni beekama.

Haaluma kanaan godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa keessatti ergamtoonni bilxiginnaa jiraattota saamuu fi ukkaamsuun gara leenjii milishummaatti guuruu cimsanii itti fufanii jiraachuun ibsameera.

Aanaa Saasiggaa ganda Dangaallii Goongoo jedhamu irraa Onkoloolessa 12, 2024 loltoonni PP badii tokko malee sababa ‘Oromummaa isaa qofaaf yakkuun nama maqaan isaa Gammachuu Waaqjiraa jedhamu jalaa dukkaanaa fi mana dhugaatii isaa cabsanii qabeenya keessa jiru guutummaan yoo saaman, jiraataadhuma gandichaa kan ta’e nama maqaan isaa Obbo Waakshumee Shifarraa jedhamu jalaa ammoo Onkoloolessa 16, 2024 halkan keessaa toora sa’a 8:00’tti gara mana jireenyaa isaa deemuun qotiyyoo tokko jalaa fudhatanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Aanichuma gandoota hundarraa tibba kana namoota hedduu ukkaamsuun gara leenjii milishummaatti guuraa jiraachuu isinii gabaasaa turuun keenya kan yaadatamu yoo ta’u, Onkoloolessa 18, 2024 ganda Haroo Folaa jedhamu irraa fedhii isaanii malee dirqamaan abbootii warraa fi dargaggoota maqaan isaanii:

  1. Obbo Nagaraa Tolinaa,
  2. Maatiwoos Dhibbaa,
  3. Solomoon Dhibbaa,
  4. Abiraam Bushaa,
  5. Obbo Dirribaa Badhaasaa fi kanneen biroo hedduu dirqiin kan qaban ta’uu maddeen keenya itti dabaluun eeranii jiru.
Exit mobile version