ONM-ABO Onkoloolessa 19, 2024
Murni kufaatii siyaasaa keessa galuun afaan Qawween uummata meesha maleeyyii cafaqee humnaan bulchuu barbaadu Bilxiginnaan Koloneel Abiy Ahimed umurii aangoo isaa dheereffachuu fi bututtuu impaayera Itiyoophiyaa suphuuf jecha, golee Oromiyaa mara keessaa ilmaan Oromoo ukkaamsuun dirqamaan gara mooraa leenjii waraanaatti guuruu itti fufee jira.
Haaluma kanaan, gandoota 27 fi bulchiinsa magaalaa 5 aanaan Saasiggaa qabdu hunda keessaa Onkoloolessa 17, 2024 irraa eegalee ergamtoonni sirnichaa tooftaa adda ta’e maqaa “duula misoomaa” jedhuun uummata goyyomsanii baasuun humna waraanaa qaban cufa bobbaasanii umurii fi saalaan osoo adda hin qoodin miseensota maatii keessaallee namoota lamaa fi isaa ol qabuun ganda tokko irraa yoo xiqqaate namoota shantama shantama dirqamaan gara leenjii milishummaatti guuraa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.
Ganda Tokkummaa Tsigee magaalaa Tsigee irraa Onkoloolessa 17, 2024 kana namoota qabaman keessaa muraasni:
- Warqinaa Guddinaa,
- Iddoosaa Addunyaa,
- Ittaanaa Ittafaa,
- Margaa Tasfaa,
- Taganyee Tasammaa fi kanneen biroo hedduu ta’uun ibsameera.
Akkasumas, ganda Dangaallii Gonkee bakka addaa Abbaa Daalee jedhamu irraa guyyuma kana namoota maqaan isaanii:
- Lalisee Taarraqeny,
- Kinfee Tarrafaa,
- Kamisoo Abdiisaa,
- Dabalaa Kabbadaa,
- Ayyalee Gannatii fi kanneen maqaan isaanii hin eeramne hedduu ta’an qabanii deemaniiru.
Kana malees, ganda Gaalloo Jaanjaa jedhamu irraa:
- Abiraam Ayyaanaa,
- Mitikkuu Beekumaa,
- Alamuu Qajeelaa,
- Dabalaa Gammadaa,
- Nagaraa Bantii fi kanneen biroo hedduu yoo qaba,
Ganda Odaa jedhamu irraa ammoo namoota maqaan isaanii:
- Hindhibuu Hambisaa,
- Takiluu Kidaanuu,
- Hindhibuu Amsaaluu,
- Amsaaluu Tafarii,
- Yoonaas Dabalaa fi kanneen biroo hedduu ta’uu maddeen itti dabaluun ONM’f eeranii jiru.

