ONM-ABO Sadaasa 19, 2024
Bututtuu impaayera Itiyoophiyaa jiguuf raafamarra jirtu kufaatii oola hin qabne irraa baraaruuf jecha waan qabee gadi lakkisu wallaalee kan jiru Bilxiginnaan, akkuma sirna abboota isaa darbanii goleewwan Oromiyaa magaalaa fi baadiyyaa mara keessaa uummata nagaa fedhii isaanii malee ukkaamsuun gara mooraa leenjii waraana impaayerattiitti guuruu jabeessee itti fufee jira.
Haaluma kanaan tibba kanas godinoota addaa naannawwaa Finfinnee dabalatee, Baha Shaggar bulchiinsa magaalaa Bishooftuu fi Adaamaa keessaa bakkeewwan akka: hoteelota, manneen bunaa, manneen bashannanaa, bakka kophee itti qulqulleeffatan akkasumas daandii irraa daa’imman xixiqqoo dabalatee namoota nagaa umurii fi saalaan osoo adda hin baasin jumlaan ukkaamsuun mooraa humna qilleensa impaayerattii magaalaa Bishooftuutti argamutti leenjisaa jiraachuu maddeen amanamoo keessoo Bilxiginnaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen himanitti, namoota nagaa ukkaamsanii gara leenjii waraanaatti guuraa kan jiran ergamtoonni Bilxiginnaa, xiyyeeffannoon isaanii saboota kan biroo magaalota kanneen keessa jiraatan irraa addatti ilmaan Oromoo irratti kan xiyyeefatan ta’uun himamee jira.

