Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Shaggar magaalaa Adaamaa keessatti murni bilxiginnaa uggura konkolaataa kaa’uun tajaajilamtoota rakkisaa oolan

Baha Shaggar magaalaa Adaamaa keessatti murni bilxiginnaa uggura konkolaataa kaa’uun tajaajilamtoota rakkisaa oolan.
ONM-ABO Onkoloolessa 19, 2022
Kaleessa Onkoloolessa 18, 2022 baha Shaggar bulchiinsa magaalaa Adaamaa keessatti murni bilxiginnaa ganama toora sa’a 2:30 akka lakkoofsa impaayerattii irraa qabuun konkolaattootni akka hin deemne dhorkuun tajaajilamtoota rakkisaa turan.
Konkolaattootni magalattii keessaa gara Bishooftuutuu fi magaalota birootti imalanis dhaabsifamuun imaltootni lafa yaadanii ba’aniif ankaakanii dhaabbachaa turaniiru.

Sababni uggura geejjibaa taasifames Waraanni Bilisummaa Oromoo magaalaa keessa galee jira jechuun akka waan tarkaanfiin magaalattii keessatti taasifamuuf qophiin xumurametti socho’aa akka turan maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Erga ajajaan olaanaa ABO-WBO Jaal Marroo Dirribaa gaaffii fi deebii Arraata Biyyoolessa Oromiyaa irratti taasisaniin Finfinneetti dhukaasuun akka aanaatti dhulaasuu hin cimu erga jedhaniin booda magaalota Adaamaa, Shaashamannee, Bishooftuu, Buraayyuu fi Sulultaa keessatti sakattaa fi uggurri geejjibaa hammaatee jiraachuu maddeen dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version