ONM-ABO Amajjii 31, 2024
Labsiin Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa marsaa 2ffaa Amajjii 28,2024 Dilbata darbe sa’a 12:00 irraa qabuun hojii irra ooleen Oromiyaa bakkoota hedduutti daldallii fi sochiin konkolaataa dhaabbatee jira.
Labsii guyyaa 3ffaa lakkoofsise kanaanis daandiin gurguddaan Oromiyaa kallattii adda addaa irraa Finfinnee geessuu fi Oromiyaa naannolee ollaa waliin wal quunnamsiisu akkuma cufametti jira.
Sochii darbee darbee daandii Asallaa gara Adaamaa, Adaamaa gara Qaallittii irratti taasifamuun alatti uummatni dukkaana isaa cufe konkolaataa dhaabuun mana oolaa jira.
Magaalootni akka Wallisoo, Gudar, Dirree Hincinnii, Maqii fi akkasumas aanota akka Meettaa Roobii, Ada’aa Bargaa, Meettaa, Walqixxee, Booraa fi kanneen biroo hedduu keessatti daandiin cufamuun konkolaataanis dhaabbatee jira.
Kaaba Shaggar aanaalee heddduu keessatti labsiin kun hojii irra ooluun magaalota xixxiqqoo aanaalee keessatti mormiin sirna bilxiginnaa irratti geggeeffamaa ture.
Mormiin murna bilxiginnaa irratti yeroo diddaa uummataa kana geggeeffamu jabaachuun aanaa Mana Sibuu keessatti hawaasaa fi Qeerroo hirmaachisuun sagalee dhageessisaa oolaniiru.
Horroo Guduruu Wallaggaa keessa sochiin yoo dhaabbatu, baha Oromiyaa fi Kibba Baha Oromiyaa aanaalee hedduu keessattis sochiin tokko iyyuu hin jiru.
Daandiin Wallisoo Jimmaas akkuma cufametti jira. Qellem Wallaggaa aanaalee fi godinni wal quunnamuu dhaabuun hawaasni qabeenya isaa waliin mana keessa ooleera.
Gujii Lixaa magaalaa Bulee Horaa akkasumas aanaalee godinichaa keessatti lagannaan akkuma itti fufetti jira.
Bulchiinsa magaalaa Naqamtee keessatti ammoo guutumaan guutuutti hojiin mootummaa, baankii, daldaallii fi geejjibni dhaabbatee jira.
Aanota Lixa Wallaggaa Najjoo hanga Begiitti labsiin kun hojiitti hiikamee jira.
Daandiin gara lixa Oromiyaatti geessu Holotaa gaditti guutuutti cufamee jira.
Labsii Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa kanaan bulchiinsi impaayerattii Abiy Ahimed harka akka hin jirree fi bilxiginnaan humna waraanaa fi miidiyaa qofaan holola oofuu isaa uummatni hubachuu isaatti kan haaraan caasaan isaanii magaalaa Maqii keessatti hidhaa fi baajaajii caccabsuu yoo geggeessaan magaalaa Naqamtee keessatti ammoo sagalee guddistuun uummatni akka hojiitti deebi’uuf akeekkachiisaa turaniiru.
Bulchiinsi Oromiyaa guutuutti harkaa ba’aa jiraachuutti kan rifatan ergamtootni bilxiginnaa waajjiratti waltajjiin wal rakkisaa jiraachuu fi abbootii qabeenyaa maallaqa adabuuf qophii irra jiru.
Magaalaa Dambii Doolloo keessattis karoorri manneen namootaa irra deemuun baajaajii dhaabbatanii jiran galmeessuu fi manneetii daldalaa cufaman adda baasuu kaabinootaa kennamee guyyaa har’aa bobbaafamanii jiru.
Naasuu labsii kanaanis magaalaa Finfinnee keessatti waraanni faashistii PP manneen namootaa fi namoota magaalaa keessatti sakatta’aa jiru.
Walumaagalatti Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa kanatti uummatni akkasumas aanaalee fi godinaaleen itti dabalamaa, karoora naannoo isaanii waliin deemuun raawwachaa injifannoo jabaa galmeessuun diinaatti mataa dhukkubbii ta’ee jira.
Ergamtootaa fi lukkeelee diinaa labsii kana fashaleessuuf bobba’aan baajaajiis ta’e konkolaataa adabaa jiraachuu Qeerroon Bilisummaa Oromoo ibsuun uummatni Oromoo hanga labsiin kun ka’uu isaa ibsinutti labsiin dura ba’e hojii irra ooluun isaa itti fufee jiraachuu gabaasa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabsiisaniin beeksisaniiru.

