Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Labsiin Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa marsaa 2ffaan guutuu Oromiyaa keessatti haala gaariin hojii irra oole

ONM-ABO Amajjii 30, 2024

Sirna garboomsaa uummata Oromoo irraa buqqaasuuf qabsoo hidhannoo geggeeffamaa jiruun cinatti Diddaa Uummataa waamuun sirnicha kokkee qabuu kan jalqabe Qeerroon Bilisummaa Oromoo, labsii Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa marsaa 2ffaa baatii kana keessa waameen jalqabbiin isaa gaarii ta’uu koreen Qeerroo Bilisummaa Oromoo dubbatan.

Dheengaddaa Amajjii 28 galgala sa’a 12:00 irraa kaasee hojiitti kan galame yoo ta’u, kaleessa barii kana Oromiyaa bakkoota hedduutti sochiin geejjibaa dhaabbachuun dukkaannis cufameera.

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo magaalaa Muggii keessatti sochiin guutummaatti dhaabbachuun dukkaanni kan cufame yoo ta’u, aanichuma keessatti hiriirri mormii geggeeffamuun murna bilxiginnaa balaaleffachaa turaniiru.

Uggurrii fi lagannaan kun Lixa Shaggar aanota akka Abuunaa Gindabarat, Kaachisii, Ada’aa Bargaa, Meettaa Walqixxee, Meettaa Roobii, Dandii fi Ejersa Lafoo keessatti hojii irra yoo oolu, baha Wallaggaa magaalaa Naqamtee keessatti baankiilee dabalatee dukkannii cufamuun konkolaataanis daandii irraa dhaabbatee jira.

Baha Shaggar aanaa Dugdaa magaalaa Maqaa irraa daandii Adaamaa geessu irratti sochii konkolaataa kan hin argamnee fi dukkaanni magaalichaa cufamuun, akkasumas daandii ariitii Adaamaa Finfinnee geessu irras sochiin dhaabbateera.

Baha Oromiyaa Ciroo hanga Dirree Dhawaatti akkasumas Horroo Guduruu Wallaggaa aanaalee hedduu keessatti labsiin kun kan kabajame yoo ta’u, magaalaa Shaambuu keessatti humna waraanaan baajaajii bobbaasanis hin milkoofne.

Kibba baha Oromiyaa godina Arsii bahaa daandiin Cirracha Gurraachaa Martii -Adaamaa geessu, Martii-Asakoo, Jajuu-Martii fi Doonii-Jimaatee geessu cufamee jira.

Arsii Lixaa aanaa Adaabbaa magaala Birbirsaa, ganda Gaara Dilloo, Haqqoo Kaarraa fi Gadiidoo keessatti hojii irra ooleera.
Kibba Oromiyaa Gujii Lixaa fi daandii Boorana geessu irratti uggurri hojii irra oolaa jira.

Daandiin uummattoota kibba lixa Itoophiyaa geessu, Weellisoo Finfinnee, Sidaamaa Oromiyaa, naannoo Amaaraa irraa Oromiyaa, kaaba Shaggar aanota adda addaa keessaa Finfinneetti geessu, akkasumas Oromiyaa Gambeela, Oromiyaa Beenishashaangul Gumuuzii fi Lixa Wallaggaa aanota heddduu keessatti cufamee labsiin Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa marsaa 2ffaan hojii irra ooluu hawasni daldalaan dukkaana isaa cufuun, konkolaataa dhaabuu fi hojii irraa hafuun itti hirmaatanii jiru.

Sababa kanaanis waraanni faashistii PP guyyaa kaleessaa Naqamteetti manaajara baankii Awwaash Damee Odaa obbo Yooseef Taaddasee kan hidhan yoo ta’u, Oromiyaa bakkoota hedduutti manneen daldalaa hedduu samsuun konkolaattota irraa lakkoofsa gabatee hiikuu Qeerroon Bilisummaa Oromoo beeksiseera.

Exit mobile version