ONM-ABO Amajjii 31, 2024
Baha Shaggar ona Faantaallee daandii guddaa gara Jiibuutii geessu irratti tarkaanfii iddoo sadiitti fudhatamee jira.
Tarkaanfiin kun guyyaa kaleessaa Amajjii dheengaddaa Amajjii 29, 2024 kan fudhatameedha.
Bakkootni sadan kunis ganda Ajoo Saalaa, Ulaa Ilma Giluu fi Ilaalaati.
Tarkaanfii laalessaa Labsii Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa kabachiisuuf fudhatame kana irraa kan baarage diinni naannoo sanatti hin argamne.
Sochiin geejjibaa guyyaa har’aa daandii sana irraa akka hin turre barameera.
Tarkaanfii gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo fudhate kanaanis konkolaataan paatirooliin bilxiginnaa tokko fi konkolaataan uummataa waraanaa sirnichaa baattee socho’aa turte tokko dantaa Qabsoo Bilisummaa Oromoof galii taatee jirti.
Murni faashistii PP diddaan uummata waan jabaateef magaalaa Naqamtee irraa quunnamtii interneetii balleessee jira.
Tarkaanfiilee garaagaraa fudhachuun uummata dukkaana bansiisuu fi konkolaataa deemsisuuf yaalii taasisuun uummatni magaalaa Naqamtee tokkummaan jalaa waan dideef tarkaanfii interneetaa cufuu fudhatanii jiru.
Labsiin Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa kun jabaatee deemaa jiraachuun kan of sodaate murni faashistii PP tarkaanfii jajjabaa fudhachaa kan jiranii fi barattoota Yuuniversiitiilee adda addaas mooraa keessaa ba’aanii hawaasa naannoo waliin akka wal hin argine gochaa jiraachuun barameera.
Godina Baha Wallaggaa aanaa Diggaa magaqlaa Guddattuu Arjootti kantiibaan magaalichaa, obbo Alamayoo Iddoosaa fi milishoonni murna maafiyaa PP hojjettoota mana baankii fi abbootii qabeenyaa lagannaa gabaa geggeessan irratti guyyaa reebicha raawwachuun mana hidhaatti guuraa turaniiru.
Namoota hidhaman keessatti manajerootni baankii kan keessatti argamanii dha. Maqaan isaaniis obbo Faqqadee baankii Awwaash irraa, obbo Namoomsaa baankii daldalaa, obbo Araarsoo baankii Daashan, obbo Zakaariyaas baankii Abisiiniyaa, obbo Abbabee Tamasgeen baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa, obbo Gammachu Ifaa baankii Sinqee irraati.
Hidhaa kanaan manaajeroota baankii fi abbootii qabeenyaa dabalatee walumaagalatti namootni 50 ol kan hidhaman yoo ta’u, konkolaataa fi bajaajii irraa lakkoofsa gabatee fudhanii jiru.
Guyyaa har’aa manni daldalaa cufaa, dukkaanni cufaa fi sochiin konkolaataa kan hin turre yoo ta’u, caasaan bilxiginnaa manneen daldalaa samsamaa turuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

