Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Labsiin Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa marsaa 2ffaa ka’uun barame

ONM-ABO Muddee 3, 2024

Diddaa Uummataa Labsii Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa marsaa 2ffaa Dilbata Amajjii 28, 2024 sa’a 12:00 irraa ka’ee sirna cunqursaa PP irratti waamame ka’uu Qeerroon Bilisummaa Oromoo beeksise.

Akka ibsi Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa kaleessa Gurraandhala 2 waaree booda ba’e agarsiisutti labsiin kun galgala kaleessaa sa’a 12:00 irratti xumura argachuun har’a ganama irraa ka’ee uummatni hojii idilee isaatti akka deebi’u ifoomeera.

Labsii kana keessatti midhaan, loon, hoolaa, re’ee fi Lukkuu gara magaalaa Finfinneetti fe’uun kan hin danda’aamne yoo ta’u, Finfinnee irraa garuu Oromiyaatti konkolaataan dhorkaa tokko malee hojjechuu akka danda’u ibsichi ni addeessa.

Koreen Qeerroo Bilisummaa Oromoo milkii diddaa uummataa kanaan argameef uummata galateeffatee, diddaan uummataa hanga sirna cunqursaa hundeen buqqisee sirna haqaa, walqixxummaa fi dimokiraasii dagaagsuu mootummaa mataa ofii jalatti ijaaruu waan ta’eef, fuulduras waamicha taasifamutti akka of qopheessitan jedhan.

Qeerroon Bilisummaa Oromoo bakkoota adda addaa jirtanis labsiin Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa kun ka’uu hubattanii akka hawaasni keenya daandii irratti akka hin rakkanneef qajeelfama kana akka hojii irra oolchitan jechuun dhaammataniiru.

Exit mobile version