Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waamicha Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa Haaraa (Qeerroo Bilisummaa Oromoo)

Uummatni Oromoo koloneffattoota kaabaan erga xumura jaarraa 19ffaa humnaan cabee kaasee garbummaa hadhooftuu eenyummaa namummaa isaa mulqitee fi akka sabaatti jiraachuuf wabii dhorkatte baatee jaarraa 21ffaa keessa seenee jira. Sirna gita bittootaan koloniin jalqabe, sirnoota cunqursaa addunyaa waliin haara’aniin wal furaa qe’ee saba ulfoo mancaasaa, hidhaan gidirsaa fi lubbuu kuma dhibbootaan lakkaa’aman galaafachaa, baroota asi dhiyoo waggoottan shanan kana ammoo kan baroota kamuu caalaa dachaan, gochootni sukkanneessoon, farra mirga namoomaa Oromoo irratti raawwataman himamee hin dhumu.

 Email: qeerroobilisummaaoromoo1@gmail.com


Uummatni Oromoos cunqursaa impaayerattiin irraan ga’aa jirtu yeroo adda addaatti qabsoo irratti gochuun sirnoota abbaa irree hundeen raasus bu’an qabsoo isaa hatamaa sabicha daran cunqursaa hamaaf saaxilee jira. Sabni cunqursaa keessa jiru qabsaa’uun mirgas dirqamas waan ta’eef har’as kallattii qabsoon gafattu maraanuu diddaa sirnicha irratti geggeessu jabeessee jira.

Sirni bilxiginnaa Abiy Ahimed mataa itti ta’e, kan maqaa Oromoo dha’atu uummata Oromoo irratti meeshaalee ammayyaa diroonii, moortara, ZU-23, BM fi kkf fayyadamee duguuggaa sanyii raawwachaa jira. Keessaayuu duguuggaan sanyii meeshaa nama maleeyyii dirooniin raawwatamu ganda tokko guutuu qe’ee gaddaa taasisuun uummatni Oromoo bilxiginnaa jalatti hireen isaa du’a, hidhaa, saamamuu, gudeedamuu fi biyya isaa irratti godaanuu ta’ee jira.

Sirni uummata Oromoon bakka bu’a jedhu Oromoo qe’ee isaatti jeequu bira darbee ilmaan Oromoo ollootaa isaa fi biyyoota baqaa keessatti nagaa akka hin arganneef bakka cufatti lola hin dhumne banuun bakka qubannaa dhabsiisaa jira. Kunis haala ittiin ilmaan Oromoo sababa bilxiginnaa Oromootu aangoo irra jira jedhamuun impaayerattii keessatti ajjeefamanii fi sababa waliigaltee dhimma ulaa galaanaan biyya baqaa Somaliland keessatti ajjeechaa akkasumas saamichii fi reebichi geggeeffamaa jiru ragaa dha.

Kanuma bu’uura godhachuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo qabsoo uummatni Oromoo badiisa irraa of bararuuf taasisaa jiruu fi duula duguuggaa sanyii irratti aggamame fashaleessuuf taasisaa jiru cinaa dhaabbachuun ga’ee fi birmanna isaa baratamaa taasisuuf Diddaa Uummataa bifa haaraan geggeessuu jalqabee jira.

Diddaa Uummataa bifa haaraan Amajjii 3, 2024 kan eegale yoo ta’u, marsaa sana injifannoon goolabuun gidduutti uummata boqochiisuun marsaa biroo bifa qindaa’aa fi murna bilxiginnaa hundeen raasuu danda’u tolfachuun dhufeera. Lagannaan Gabaa fi Uggurri Geejjibaa marsaa kanaa Amajjii 28, 2024 Dilbata galgala sa’a 12:00 irraa eegalee hanga labsiin uggurri kun ka’uu ibsi ba’utti kan geggeeffamu ta’a.

 Email: qeerroobilisummaaoromoo1@gmail.com


Waamichi Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa kun Oromiyaa keessatti ilmaan Oromoo qofaan osoo hin taane sabootni hiree wal fakkaatoo qabnu, sirna bilxiginnaan hacuuccaa jala jirtanii fi murni bilxiginnaa uummata impaayerattiif hin ta’u jettan akka itti hirmaattan waamicha dabarsina.

  1. Labsan kanaan
     Daandiin Oromiyaa keessa cufaadha
     Daandiin Finfinneetti geessu cufaadha
     Naannoolee ollaa Oromiyaa waliin wal quunnamsiisu (Gambeela, Asoosaa, Sidaamaa, Uummattoota Kibbaa, Amaaraa, Soomaalee, Affaar) cufaa dha.
     Daandiin Mooyaalee Keeniyaa geessu cufaa dha.
     Sochiin konkolaataa, doqdoqqee fi baajaajii dhorkaa dha.
     Hojiin mootummaa hin jiru.
     Manni barumsaa cufaa dha.
     Baankiin cufaa dha.
     Gabaan hin jiraatu Dukkaanni (shop) cufaa dha.
     Mallattoo diddaa adda addaa fayyadamuu (harka wal qaxxaamursuu, qabsoon itti fufuu agarsiisuu fi huccuu gurraacha uffachuun jajjabeeffama)
     Keessaayuu dhiyeessiin kudura, muduraa, loon, re’ee, hoolaa, albuuda, midhaanii fi wantootni gara Finfinneetti fe’amam guyyoota ugguraa kanaatti tasuma kan hin hayyamamne ta’a.
  2. Wantootni hayyama qaban.
     Ambulaansii dhukkubsataa fi deessuu geejjibaan (Kan waraana hin feenee fi hojii ramadamaniif qofa tajaajila kennuu dandahu)
     Gaazexeessitoota biyya keessaa fi alaa Diddaa Uummataa kana gabaasuuf socho’an
    Waamichi Lagannaa Gabaa fi Uggurri Geejjibaa kun hawaasa Oromoo hunda bifa hirmaachiseen akka geggeeffamu yeroo dhaamnu, konkolaachistootni fi abbootiin qabeenyaa faayidaa yerootiif qajeelfama kana akka hin cabsine akeekkachiisna.

 Email: qeerroobilisummaaoromoo1@gmail.com


Qeerroon Bilisummaa Oromoo naamusa qabsoon Diddaa Uummataa qabaachuu qabduun masakamtanii, diddaa sirnicha irratti cimsitanii akka finiinsitan koreen QBO dhaammanna. Uummatni keenya callisuutti xumura gochuu qaba. Callisuun, maal na dhibdee fi nama biroo eeggachuun ni ga’a. Dhiigni Oromoo akka hin dhangalaane, lafeen akka hin cabne, lubbuun namootaa kuma dhibbootaan akka hin bannee fi kuma dhibbootaan akka hidhaatti hin guuramneef har’a kaanee falmachuu qabna.

Sirna garboomsaa irraa bilisummaa tolaan yookiin gaaffii dhiheessuun hin argamu. Falli jiru falmachuu, diduu, mormuu, bulchiinsa gabroomsaa diiguu fi kkf dha. Kana ta’uu beekne wantoota siyaasa, waraanaa fi dinagdee bilxiginnaa laaffisuun dhiibbaa inni uummata nagaa irratti raawwatu xiqqeessan kamuu raawwachuuf kutannoo cimaa agarsiisuutu nu irra jira. Kana yoo goone qofa uummata keenyaaf wabii taanee gaafatama seenaa jala ba’uu dandeenya.

Diddaa Uummataa Bilisummaa Dhugaaf!

Injifannoon Uummata Oromoof fi Ummattoota Cunqurfamoof!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Amajjii 23, 2024
Finfinnee, Oromiyaa

Exit mobile version