Uummatni Oromoo erga gita bittaa Habashootaa jalatti xumura jaarraa 19ffaa kufee kaasee miidhaan lubbuu fi qabeenya isaa irra ga’u akkasumas saamichi lafa isaa irratti raawwatu hanga guyyaa har’aatti hin dhaabbanne.
Har’a ammoo bara mootummaan maqaa Oromoo dha’atu aangoo irran jira jedhutti
ilmaan Oromoo Salaalee fi Wallootti, Tuulamaa fi Matakkalitti, Gujii fi Booranatti
akkasumas Wallaggaa fi Arsiitti, Harargee fi Baaleetti humnoota finxaaleeyyii
Faannoo fi waraana Bilxiginnaan qalamaa fi saamamaa jira.
Gochi bara dhufaa darbaa haala jijjiirratee Oromootti dhufaa jiru kun hundeen
Oromoo irraa akka buqqa’uuf mormiin nuti tokkummaan kaanee taasisnu murteessaa
waan ta’eef hiriira mormii gootota barattoota Oromoon eegale kanatti hunduu akka makamuuf Qeerroon Bilisummaa Oromoo waamicha dhiyeessa.
Hiriirri mormii barattoota Oromoo fi sabboontota ilmaan Oromoon Qeerroo
Bilisummaa Oromoon durfamee geggeeffamu bor Sadaasa 22, 2024 irraa eegalee akka itti fufu QBO kallattii kaa’eera.
Hiriira mormii fi sagalee uummata Oromoo Salalee fi Oromoo maraaf taasifamu
kana irratti naamusa guutuun dirqama keessan akka ba’attan jechaa; waan jijjiiramu isin beeksisaa kan deemnu ta’a.
Uummatni Oromoo biyya ambaas waamicha godhame ofitti fudhachuun biiroolee fi dhaabbilee idil addunyaa fuulduratti saba keessaniif sagalee ta’aa murna Bilxiginnaa miidhaa uummata Oromoof sababa ta’e akka balaaleffattan isinitti dhaammanna.
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Injifannoon Uummata Oromoof!
Sadaasa 21,2024
Finfinnee, Oromiyaa
Email: qeerroobilisummaaoromoo1@gmail.com

