Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Sirni Dungoo Ibsuu Biyyaalessaa Oromiyaa, Barattoota Oromootiin, dhuunfaa fi Gareen geggeeffamaa ooluu maddeen gabaasan

Sirni Dungoo Ibsuu Biyyaalessaa Oromiyaa, Barattoota Oromootiin, dhuunfaa fi Gareen geggeeffamaa ooluu maddeen gabaasan.

(SQ- Sadaasa 14, 2022)

Barattoonni Manneen barnootaa sadarkaa gadiitii haga sadarkaa olaanaa keessatti baratan adda addaa kan sodaa nageenyaatiif eenyummeessa isaanii ibsuu hin feene, Sirna Dungoo Ibsuu Biyyaalessaa (National Candlelight Vigil) Qeerroo Bilisummaa Oromootiin Labsame, geggeessuu fi akeeka ittiif labsames kudhaammachuu ibsaniiru.

Yaada isaanii Sagalee QBOf kan kennan barattoonni Oromoo, Seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti, Sochiin Barattootaa fi Sochiin Qonnaan Bultootaa, iddoo bu’uuraa akka qabu kaasuun, Wareegama salphaatiin Injifannoo argataa akka deemnuuf Tooftaaleen qabsoo akkanaa barbaachisoodha jedhan.

Labsii kana bakkee irratti, hiriira nagaatiin dabaallee akka hojiitti hin hiikneef, Yeroo ammaa kanatti, Sirna akka ilkaan buqqa’uuf tochootee nama wacabbarsiiftuutti jeeqamaa jiru kanaan barataan Oromoo jumlaan ukkaamfamee, saba isaaf akka Sagalee hin taane dhorkamee jira jechuu dandeenya jedhaniiru.

Sochii Qabsoo karaa nagaa barattooti Oromoo itti gargaaramaa turan kan akka Lagannaa nyaataa, Hiriira Nagaa, fi Mallattooleen diddaa kamuu sirnichaan dhorkamee jira. Haa ta’u malee, Qabsoon Oromoo akka dhorkamuu hin dandeenyetti dhiibbatee dhufaa jira kan jedhan Barattoonni Oromoo, Ajjeechaan jumlaa fi Haleellaan Diroonii gara jabinaan impaayerri Itoophiyaa lammiilee Oromiyaa irratti geggeessaa jirtu Mallattoo abdii kutannaatis jedhaniiru.

Wareegamtoota akka Dungoo Ibsanii ofii dhabaman, Oromiyaa keessatti barabaraan Guyyaa Gootota Oromiyaa (Oromians Martyrs Day) keessatti yaadanna jedhaniiru.

Madda: Maddeen QBO Manneen Barnootaa Adda Addaa.

Exit mobile version