Manni marichaa Ibsa balaaleffannaa baase, Sirna Dungoo Ibsuus raawwate.
(SQ- Sad.14/2022
Manni Marii Amantiilee Oromoo Idiladdunyaa, “Ajjeechaa Hamaa fi Sukkanneessaa” torbanoota darban keessatti Lammiilee Oromiyaa irratti, lafa gabaa, mana amantaa, manneen barnootaa fi mana jireenya isaanii Keessatti Diroonii fi xiyyaara Mootummaa Itoophiyaatiin irratti raawwatame balaaleffachuun ibsa baase.
Manni marichaa, Ajjeechaa Lammiilee Oromiyaa irratti raawwatamuuf hawaasni idiladdunyaa xiyyeeffannaa barbaachisu akka kennuufis gaafateera.
Ajjeechaa torbanoota darbaniitiin alatti, waggoota 4n darban raawwataman hundaaf qaamni walabaa qoratee seeratti dhiyaannaa akka mirkaneessuus gaafateera ibsi mana marichaa.
Lammiilee Oromiyaa garmalee wareegamaniif gadda isaa kan ibsatee fi Sirna Dungoo Ibsuu kan taasise manni marichaa, Nageenyi Oromiyaa, bakka hundatti haala yaaddessaa keessa jiraachuu ibsuun, qaamoleen dhimmi ilaallatu Furmaata soquu akka qabanii fi Uummanni Oromoo gamtaa isaa jabeeffachuutiin yeroo rakkoo kanatti akka waltumsu waamicha taasiseera.
Jaarmiyaaleen Oromoo hundi, uummatichaaf gargaarsa barbaachisu taasisuu akka qabus gaafachuu ibsichi mirkaneesseera.
