ONM-ABO Amajjii 5, 2024
Kibxata darbe Amajjii 2, 2024 labsamuun kaleessa Amajjii 3 galgala sa’a 12:00 irraa qabuun hojii irra ooletti uummatni Oromoo bakkoota hedduu irraa itti hirmaachuun murna bilxiginnaa yaaddessee jira.
Guyyaa kaleesaa Amajii 4, 2024 irraa eegalee hanga har’aatti giddu galeessa Oromiyaa daandiin Amboo -Naqamtee deemu, Amboo Finfinnee deemu Lixa Shaggar keessatti ugguramee kan oole yoo ta’u, godinichuma aanaalee:-
Akka Ada’aa Bargaa, Meettaa Walqixxee, Meettaa Roobii, Jalduu , Abuunaa Gindabarat, Kaachisii fi Cobii dabalatee gandoonni baadiyyaa aanaa Dandii jala jiran;- Gaalessa fi Daannisaa Gooroo sochiin dabalataan aanaa Ejeree jala gandoota akka;- Gorbaa, Gabaa Jimaataa, Beekkattee fi kanneen biroos cufaa turan.
Kaaba Shaggar aanaa:-Dagam, Yaayyaa Gullallee, Hidhabuu Abootee, Kuyyuu, Warra Jaarsoo, Darraa dabalatee aanaalee biroo keessatti uggurri gabaa hojii irra ooleera.
Baha Shaggar magaalaa Adaamaa, Botee fi Maqii keessatti uggurri gabaa fi sochii konkolaataa labsame hojiitti hiikamee jira.
Kibba baha Oromiyaa godina Arsii Lixaa fi bahaa keessatti sochiin geejjibaa fi gabaa ugguramee jira.
Qellem Wallaggaa magaalaa Dambii Doolloo jala aanotni jiran akkasumas Lixa Wallaggaatti daandiin Gimbii Asoosaa geessuu fi aanota tokko seenu cufamuu irra darbee hawaasni gabaa osoo hin ba’in hafeera.
Horroo Guduruu Wallaggaa fi Baha Wallaggaa keesaatti labsiin kun hojiirra ooleera.
Kibba Oromiyaa godina Booranaa fi Gujii lamaan keessatti labsii kana dhaga’uun hawaasni mana yoo turu, geejjibnis dhaabbateera.
Baha Oromiyaa Harargee lamaan keessatti geejjibni gara magaalaa Dirree Dhawaa fi Harariin deemu dhaabbatee jira.
Walisoo daandiin Jimmaa geessus uggura jala kan ture yoo ta’u, magaalaa Wallisoo dheengadda galgala irraa ka’uun Konkolaataa dhaabuun itti hirmaatanis dhiibbaan waraana bilxiginnaan uummataa fi abbootii qabeenyaa irra ga’u jabaadha.
Koreen Qeerroo Bilisummaa Oromoo labsa kana baase jalbultii qophii fi itti seensa hojii guyyaa jalqabaa madaaluun rakkoolee adda baasee kallattii fuulduraa kaa’ateera.
Gufuuleen gama hojii kanaan mul’atan abbootiin konkolaataa fi konkolaachiftootni dantaa mataa isaanii fi murna bilxiginnaa kabajuu akkasumas siyaasa isaanii milkeessuuf hojjetan maal na godhuun labsii kana bakkoota tokko tokkotti cabsaa turaniiru.
Lagannaan kun sirna ukkaamsaa uummata keenya irratti ajjeechaa, saamicha, hidhaa, gudeeddii, buqqaatii fi manneen gubuu hammeessee jiru diddaa irratti agarsiisuun hundee dinagdee isaa fi siyaasaa akkasumas waraana isaa laaffisuun abdii kutachiisanii galma qabsoo keenyaatti shaffisuuf oola.
Labsa kana keessatti Ambulaansotni fi konkolaattotni dhaabbilee gargaarsa hojii isaanii of eeggannoo fi quba qabeenyaan socho’anii hojii isaanii kan itti fufan ta’us, hidhata waraanaa fi caasaa bilxiginnaa geejjibuu irraa bilisa ta’uu qabu.
Haalli Oolmaa Lagannaa fi Ugguraa guyya guyyaan kallattiin kennamaa akka deemuu fi xumurri labsii kanas fuulduratti akka isin beeksisnu hubachaa miidiyaaleen Oromoo biroos sagantaa kana jala buutanii hordofuun hawaasa biraan ga’uu akka qabdan Qeerroon Bilisummaa Oromoo dhaamaniiru.
