Bahaa Oromiyaatti Qeerroon Bilisummaa Oromoo waamicha fudhachuun karaa cufanii jiru.
ONM-ABO Sadaasa 6, 2022 Wiirtuun dugdaa qabsoo bilisummaa Oromoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo waamicha uggura gabaa fi geejjibaa kaleessa Sadaasa 5, 2022 akka eegalamu taasifame fudhachuun baha Oromiyaa aanota tokko keessatti daandiin cufanii jiru.
Kaleessa Sadaasa 5, 2022 irraa eegaluun aanota akka Guraawaa, Maayyuu Mulluqqee, Baddannoo, Gola Odaa fi Qumbii keessatti daandiin aanaa isaaniif karaa guddaa cirracha gurraachaa wal qunnamsiisu qeerroo bilisummaa Oromoo fi hawaasa naannichaan cufamee jira.
Uummatni diddaa sirna bilxiginnaa irratti qabu kallattii adda addaan agarsiisus sirnichi afaan qawween bulchuu itti fufuu isaa kan hubatan Qeerroon Bilisummaa Oromoo murna faashistii dhiiga ilmaan Oromoo akka lola dhangalaasaa jiru xumura itti gochuuf dhiibbaa gama isaaniin taasisan uggura gabaa fi geejjibaan irratti hojjechaa jiru.
Cufaan karaa kun lixa Oromiyaa Amboo kaasee daandii jiru irrattis hojjetamee jiraachuun kan beekamu yoo ta’u bakkoota biroottis jabaatee kan itti fufu ta’uu odeessa qeerroo bilisummaa Oromoo Oromiyaa bakkoota garaagaraa irraa arganneen beekuun dandaa’ameera.

