Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baga Sadaasa 9 Guyyaa Yaadannoo Fincila Diddaa Gabrummaan Isin Gahe! (Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo) 

Baga Sadaasa 9 Guyyaa Yaadannoo Fincila Diddaa Gabrummaan Isin Gahe!

(Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo)

Seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti Sadaasni 9 iddoo ol’aanaa kan qabuu fi qaanqeen Qabsoo barattoota Oromoo diddaa roorroof jecha dho’edha. Sadaasa 09, bara 2005 waamicha Addi Bilisummaa Oromoo yeroo sana Fincilli Diddaa Gabrummaa guutuu Oromiyaatti akka dho’uuf dhihaate hordofee, dargaggoonni Oromoo bifa qindaa’een Oromiyaa mara keessatti FDG ofitti fudhatuun eegalan.
Fincila eegaluun saba Oromoo yeroo sana qofa irraa hin eegalle. Uummanni kun afaan qawweetiin kolonii warra Habashootaa jalatti kufuu irraa eegalee, Oromoon fincilaa fi qabsoo roga maraa eegaluun itti fufe. Sadaasni 09 garuu yeroo sirni yeroo sana impaayerittii seerratee bitaa ture EPRDF saamichaa fi dararaa Oromoo irratti akka malee hammeesse keessa ture.
Humnoonni siyaasaa bara sana turan kanneen akka paartii mormituu ‘ቅንጅት’ sirna impaayeraa waliin ta’uun, akka sagaleen uummata Oromoo ukkaamamuu fi waanjoo gabrummaa nu baachisaa hafuuf yaadame. Kana diduun waamicha dhaabni isaa ABOn yeroo sana godhe hordofee uummanni bal’aan, addatti ammoo dargaggoonni Oromoo fincila wal irraa hin citne eegalan.
Fincila Diddaa Gabrummaa kanaan, wareegamni gurguddaan baafamaa ture, ammas bifa haa jijjiirratu malee gatiin itti baafamaatuma jira. Keessattuu dargaggoonni Oromoo sochii al-idilee kana gara humna wal-ta’ee fi sochii dhageettii qabu gochuuf Amajjii 5 bara 2011 jaarmayaa of danda’e, “Qeerroo Bilisummaa Oromoo” bu’uuressan.
Hundeeffamuu Qeerroo Bilisummaa Oromootiin boodas sochiin FDG haala itti fufaa ta’een Oromiyaa guutuu wal gahe. Fincila kana bifa fooyya’aa fi ariitii qabuun qabsichatti xumura gochuuf, akkasumas Qeerroon Maaster Plaanii yeroo sana ture hundeen qolachuuf Sadaasa 12, bara 2015 maqaa Fincila Diddaa Gabrummaa -FDG irraa gara Fincila Xumura Gabrummaa -FXG tti jijjiiran.
Sochiin FXG kunis wareegama ulfaattuun itti haa kaffalamu malee abbaa irree EPRDF yeroo sana ture bara 2018 tti hundeen buqqisuu danda’eera.

Erga jijjiiramni sobaa impaayera kana keessatti dhufeera jedhame irraa kaasee, Qeerroon Bilisummaa Oromoo, Waraanni Bilisummaa Oromoo fi Uummanni Oromoo bal’aan kun jijjiiramichi dhuguma jira jedhee hin fudhanne. ABOn yeroo sana ture, Qabsoo hidhannoo irraa karaa nagaatiin qabsoo gaggeessuuf gara impaayetattiitti deebi’ee, seera impaayerittiin hoganamee filmaata irratti hirmaachuuf murtoo godhus, qareeyyiin ilmaan Oromoo: Waraana Bilisummaa Oromoo, Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi quuqamtoonni saba kanaa aggaammii sirna kanaa hubatan fincila sana daran jabeessanii itti fufuuf waliigalan.

Bara 2019 keessas, haalli siyaasa guutummaa Impaayera Xoophiyaa haalaan ulfaachuu fi egereen Oromoo dukkanooftuu ta’uu isaa arguun WBOn hoggana yerichaa Finfinnee jiru irraa adda bahuun dirree irraa hoggana waraanaa kan ofiisaa tolfate.

Haalli tures daran hanga ammaatti hammaataa ta’uun ammoo miseensonni Qeerroo Bilisummaa Oromoos Fincila duraan uummata keessatti karaa nagaa taasisan wareegama hin malle argamsiisuu waan ta’eef, qabsoo hidhannoo gaggeessuuf WBOtti makaman.
Adoolessa 21 bara 2021 keessa Waraanni Bilisummaa Oromoo Kaayyoo ABO ganamaa fi qabsoo hidhaannoo itti fufsiisuu fi jaarmayaa of danda’e ta’ee dirree irraa eegaluuf ABO-WBO jechuun murtoo dabarse.

Burjaajiin hedduun dhalatus WBO fi QBOn of baraaruun qabsicha baraaranii jiru. Murtoo dhaabni dabarfate hordofee Qeerroon Bilisummaa Oromoos dhabama irraa hafuu fi sochii isaas dhaaba jalatti itti fufuuf Sadaasa 08 bara 2021 hoggana Ajaajaa Ol’aanaa ABO-WBO jala galfamuu fi taligaa isaas dirree irraa akka fudhatu labsa labsatee Qabsoo sabichaatti jira.

Walumaagalatti Fincilli hanga ammaa ture dhaabaan hogganamaa kan as gahee fi yeroo ammaa kana ammoo qabsoo hidhannootiin fiixee xumuraa irratti argama. Yeroo ammaa wayita sirni Bilxiginnaa saba Oromoo gabrummaa bara baraa jalatti hambisuuf waan qabu maraan duula Oromiyaa irratti eegale kanatti QBO fi WBOn labsa waloo labsachuun Oromiyaa guutuu irratti sochii fincilaa eegalanii jiru.

Sirna humna qilleensarraa fayyadamee hawaasa keenya ajjeesuutti jiru mormuuf uggurri daandii, gabaa fi kanneen biroo kaa’amee jira.

Maayii irratti, yaadannoo Sadaasa 9 kanaan Qeerroon Bilisummaa Oromoo akka jaarmayaa qabsootti, “Qabsoo ilmaan keenya kumaa fi kitilaan itti kitimamanii tiksaa asiin gahan, nuti dhaloonni har’aas lafee keenya itti cabsinee, dhiiga keenya itti lolaasnee ni tiksina” jechuun waadaa isaa haaromsuu barbaada! Itti dabaluun ammoo, baatii Sadaasaa kanatti kanneen osoo Oromoo Bilisoomsuu fi Oromiyaa Biyya taate gad dhaabuuf warraqanii wareegama hadhooftuu kaffalan yaadachaa, xurree fi kaayyoo isaan irratti gatii kaffalan irraa maquun, irbuu gootowwan kaleessaa sharafuu fi gantummaatti kan fudhatamu ta’uu Qeerroon Bilisummaa Oromoo akeekuu barbaada.
Qabsoo ilmaan keenyaatiin Oromoo Bilisoomee fi Oromiyaa Walaboomte ni ijaarra!

Injifannoo Uummata Oromoof!
Sadaasa 8, 2022
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Finfinnee Oromiyaa

Exit mobile version