Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Guyyaa Yaadannoo Fincila Diddaa Gabrummaa Waggaa 19ffaa, Sadaasa 9, 2005! (Ibsa Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO)

Akka uummata Oromootti yeroo Qabsoo Bilisummaa keenya keessatti hirmaannu kabajaa guddaa qabna. Kora sabaa ABO 3ffaa, kan Mudde bara 2004 boodas murtii hojii jaarmayaa ABO biyya keessaa jabeessuuf fudhatameen quunnamtiin biyya keessaa jabaate. Filannoo biyyoolessaa bara 2005 booda sagaleen Oromoo siyaasa Impayerittii keessatti dhokatuu waliin wal qabatee, Koreen Qindeessituu Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) Sadaasa 9, bara 2005 Oromoon akka Oromootti akka warraaqsa gaggeessu labsii dabarsite.

Yeroon sun yeroo Oromoon haala siyaasaa wal-xaxaa keessa ture waan ta’eef, yoo Oromoon bifa qindoomina wayyaahaan wal ijaaree, sirna gabrummaa impayerittiitti xumura gochuuf yoo hin sossoone balaan siyaasa keessaa qophxaahuu isa mudatu guddaa ture. Haala kanaan uummati Oromoo labsii koreen qindeessituu FDG dhaadannoo, “Bilisummaaf ka’aa! alagaan bitamuun nu haa gahu!” Jedhu qabatee iyyee iyya dabarse! Dirqamas ofitti fudhatee Fincilli Diddaa Gabrummaa (FDG) guutuu Oromiyaa keessatti gaggeessuun tarkaanfii boonsaa, kan seenaa saba Oromoo keessatti bara baraan yaadatamu hojjetee darbe.

Fincilli yeros dhoohe bifa fi sadarkaa adda addaan gaggeeffamaa har’a gahuunis dhugaa haalamuu hin dandeenye dha. Fincilli haala bara 2008 booda ABO mudate waliin wal qabatee xiqqoo qabbanaahus, Ebla Bara 2011 itti fufeen Qeerroon bilisummaa Oromoo bifa haarayaan sochiitti seenee, ummata guddaanis tumsamee mooraa diinaa raasuun bara 2014 keessa boqonnaa haaraatti tarkaanfatee, wareegama ulfaataa boodas qabsoon finiinee paartii EPRDF laaffisuun jijjiiramaaf karaa saaqe.

EPRDF laafuunis hidhamtoota siyaasaa yeroo sana mana hidhaa keessa turan hidhaatii yaasuuf dirqame, mormitoota siyaasaas, ABO dabalatee, biyya alaa irraa gara biyyatti akka deebihan haala aanjesse. Yeroo sanatti warri bilisoome sehee sirbaa fi gammachuun lafa dhiphisaa tures yeroo gabaabaa booda kiyyoo keessa jiraachuu hubate. Ajjeechaa fi hidhaan kan bara Wayyaanee caalaatti jabaatee itti fufe! Artist Haacaaluu fi ilmaan Oromoo hedduu rasaasaan ajjeefaman, hogganoonni olaanaan ABO, KFO fi ilmaan Oromoo hedduu mana hidhaatti guutaman! Oromiyaa keessatti filannoon ulaagaa filannoo hin guutne, bakka mormituun siyaasaa tokko hin jirre keessatti gaggeeffamee PPn kophaa ishee dorgomtee “mootummaa” ofiin jette. Angawoota bara Wayyaanee Oromoo gidirsaa fi samsisaa turan hunda caasaa isheetti deebiftee muudde. Sagalee Oromoo ukkamsuu fi qabeenya isaa saamuun sirna mootummaan deeggaramee itti fufe. Kaayyoon Qeerroon kumaatamaan itti wareegaman kan lubbuu qaalii, qaamaa fi qalbii itti dhaban otoo galma hin gahiin butame.

Qeerroon kaleessa harka qullaa diddaa gaggeessaa tures hidhannoo kaasee falmachuuf dirqame. Qawwees kaasuun WBOtti makamee qabsoo finiinsuun, hundaan olitti ammoo haala impaayera Itophiyaa keessatti mul’atee hin beekneen Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) jabeessuun, falmaan mirga Abbaa Biyyummaa isaa dhugoomsuuf, sirna hattuun PP diiguun Oromoo akka bilisoomsuu dandahu abdii guddaa ta’e. Dargaggootni, barattootnii fi sabboontotni Oromoo qabsoo jabeessan akka Bilisummaan Oromoo kan hin hafne ta’uu lubbuu isaanii qaalii wareeguun nuuf mirkaneessan mara kabajaan yaadachuun dirqama Oromoo maraati.

Sadaasa 9, Guyyaan Yaadannoo Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) bara 2024, Oromiyaa keessaattii fi biyyoota alaa bakka Oromoonni argaman maratti haala ho’aa fi addaan ilmaan Oromoo qaalii fi muratoo kan lubbuu isaanii wareegan faarsuun yaadachuutti dabalee, qabsoo bilisummaa rarraga injifannoon gahuuf fi xumura itti gochuuf waadaa keenya guyyaa itti haaromsinu dha. Kanaanis imimmaan ilmaan Oromoo rakkoo fi gidiraa PPn itti fidde qorsuuf caalaatti qabsaa’uuf murannoon ka’uun nurraa eegama. Qeerroo fi Dargaggoo Oromoo, barattootaa fi sabboontota bilisummaa Saba isaaniif FDG keessatti lubbuu isaanii aarsaa godhan yaadachuun dirqama Oromummaa tahuu hubachuun guyyaa kana bakka jirru maratti haa yaadannu. Wareegamtoota keenya oggaa yaadannu lammiiwwan keenya hidhaa impayerittii keessatti hiraarfamaa jiranis dagachuu hin qabnu. Karaa danda’ame hundaan bira dhaabbachuun dirqama dabalataa Oromoon hundi ofitti fudhatan ta’uu qaba.

Mootummaan impayera Itiyophiya ummata Oromoof kan naasuu hin qabne, dhiiga uummata keenyaan jiraachuuf kan karoorfatee ta’uu lola baroottan jahan darban keessatti gaggeessiten haala hin mamsiisneen mirkaneessite jirti. Oromoo dhabamsiisuu irraa kan of duuba hin deebine tahuu lola lafoo irra darbee lola Drone fi Summiin uummata keenya fixaa turuu hubanne. Oromoon dinagdeen isaa laamshahee akka hirkataa ta’u shirri irratti dalagamaa jira. Rakkoo siyaasaa siyaasaan furuu diduun ilmaan Oromoo WBO fi saboota ollaatti bobbaastee ficcisiisaa jirti. Ilmaan Oromoo wallaalummaa keessatti ittisuuf jumulaan manneen barnootaa keessaa ari’uun, hidhaa keessatti hiraarsuun fi ajjeechaan sukkaneessaa irratti raawwachuu irra darbee manneen barnootaa Oromiyaa keessaa mooraa waraanaatti jijjiiruun diinummaa saba kanaaf qaban mul’isa.

Ummatni Oromoo biyya keessaa fi alaa akkuma kana duraa tokkummaa keessan cimsitanii gurmuu keessan jabeeffachuun FDG finiinsuu keessatti akka hirmaannaa keessan guddistan ABO-WBOn kabajaan yaadachiisa. Humna taanee gidiraa bara dheeraa akka of irraa buqqisnu tokkummaa keenya haa jabeeffannu. Yeroo ammaa kana PPn bittaa ishii itti fufuuf filannoo kijibaaf of qopheessuu jalqabdee jirti. Kunis bulchiinsa gandaa jabeessuuf milishaa uummataatti bobbaastee hiraarsuun, WBOtti duuluu qabdu jettee uummata ficcisiisuun aangoo irra bubbuluuf na gargaara jettee abjootti. Haala kanaan uummata walitti garagalchuun wal waraansistee qe’ee Oromoo gooluuf dhama’aa jirti. Waan taheef, ummatni Oromoo shira diinummaa PPn maqaa bulchiinsa gandaan xaxaa jirtu hubattee akka wal irratti hin duulle ABO-WBOn hiree kanaan hubachiisa.

Dhuma irratti muyxannoo fi jabina akkasumas injifannoolee Fincila Diddaa Gabrummaa fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti argaman kuufachaa, qabsoo roga maraa kan bilisummaa nu gonfachiisu finiinsuuf irree tokkoomee fi gamtoomeen haa qabsoofnu! Akeeka jaallanii fi ilmaan Oromoo qaqqaalii lubbuu isaanii itti kitiman bakkaan gahuuf mudhii hidhannee murannoon haa warraaqnu. Ilmaan Oromoo, Sabboontotnii fi Qabsaawotni Fincila Diddaa Gabrummaa fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti wareegaman yaadataa, Kaayyoo fi Akeeka Gootowwan Oromoo irratti wareegaman bakkaan gahuun dirqamaa fi gaafatamni kan nurra jiru tahuu hubannee xumura itti gochuuf haa kaanu! Ummatni Oromoo, addatti ammoo dhalootni haaraa, kan kaleessa harka qullaa gootummaan diina haga funyaaniitti hidhate dura dhaabbattee falmaa geggeessaa turte, har’a WBOn hidhannoo guuttatee si cinaa dhaabbachaa waan jiruuf Fincila ardii raasu gaggeessitee gabrummaatti xumura tolchuuf qophii kee akka xumurattu ABO-WBOn hiree kanaan dhaamsa dabarsa.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Ajaja Ol’aanaa ABO-WBO
Sadaasa, 2024

Exit mobile version