Sabni Oromoo Impaayera Itoophiyaa kana keessatti eenyummaa isaatiin balfamee dhiittaa mirga namoomaa dhala namaa kamirrattuu hin raawwatamne isarratti dalagamuun hanqatee, biyya abbaa isaa irraatti Oromoon namummaa mulqamuun jaarraa oliif dhiitame. Sabni Oromoo akka sabaatti nagaa waan jaalatuuf nagaa faarsaa ajjeefamaa, nagaa faarsaa nagaa dhabaa as gaheera. Kunis diinota innikkaa keenya biratti, akka sodaa fi gowwuummaatti ilaalalmuun inumaa obsaa fi kabajaa Oromoon nagaa fi mirga namoomaaf qabu tuffatuun, saba Oromootti roorrisuu aadaa kan godhatan dhufaa darbaan mootummaa impaayera Itoophiyaa ammas duula duguuggaa sanyii maqaa nama nyaataa moggaafameen Oromoo fi Oromiyaa irraatti weerara bananii jiru. Oromoon akka sabaatti tuffatamuun, qabsaa’onni Oromoo qaaliin, aartistoota Oromoo, hayyootaa fi abboota Oromoo irratti duguuggaa labsuun sirni nyaate, qabsaa’otaa fi beektota Oromoof qaalii ta’an kumaataman lakkaawaman sirni hidhuun dararaa jiru, diina Oromoo fi Oromiyaa balleessuuf deemu tahuu beekuun murteessaadha.
Oromoon biyya Walabaa: kan nagaa, dimokiraasii fi wal-qixxummaan ilmaan namaa keessatti kabajamu ijaaruuf qabsoo roga maraa kan wal-irraa hin cine gaggeessaa yoona gaheera. Qabsoo kana irrattis lubbuu qaalii ilmaan isaa dhiira-dhalaa osoo hin jenne itti gabbaraa bahe. Sirni Impaayera Itoophiyaa bulchaa turee fi jiruu sabaa fi sab-lammoota impaayerattii afaan qawwee jalatti ukkaamsuun, sarbamiinsa mirga namoomaa hedduu dhaqqabsiisaa tureera. Ammas dhaqqabsiisuutti jira. Kana ofirraa qolachuuf Oromoon qabsoo jalatti hiriiree, Oromiyaa walabaa kan hunduu nagaan keessa jiraatu gad dhaabuuf wareegama mara kaffalaa, lafee itti cabee-dhiiga itti lolaasaa yoona gahe.
Kanarraa ka’uun barattoonni Oromoo sadarkaa addaa addaa baroota dheeraaf fincila mootummaa irratti geggeessaa turaniiru. Akka jaarmayaatti ammoo Qeerroon Bilisummaa Oromoo jaarmiyaa qabsoo geggeessaa jiru jalatti taligamuun bu’uureffama isaa irra eegalee hanga ammaatti caasaa isaas gooleewwan Oromiyaa mara irratti diriirfate hojiiwwan ciccimoo hojjetaa tureera, ittis jira. Kaayyoon hundeeffamuu Qeerroo Bilisummaa Oromoo, qabsoo uummanni Oromoo baroota
dheeraaf Abbaa Biyyummaa isaa mirkaneeffachuu, gaaffii qe’ee ofii irratti abbaa ta’uu, dheebuu nagaa, bilisummaa fi wal-qixxummaa gaafataa turee fi sabni Oromoo ammoo akka sabaatti hiree isaa ofiin mirkaneeffachuuf gaggeessaa jiru tumsuun uummatasaa kakaasee qabsoo sabichaatti xumura gochuudha.
Jaarmayaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo sochiiwwan Warraaqsaa maqaa “Fincila Diddaa Gabrummaa” jedhu moggaasuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo Oromiyaa hundarraa dargaggootaa fi dardarran sabboonummaa qabanii fi naamusa dhaabaa eegan ijaaree gaaffiiwwan Oromoo kan durii hanga ammaa: Gaaffii lafaa, afaanii, eenyummaa fi dimokiraasii gaafachaa tureera.
Haaluma kanaan, Qeerroon Bilisummaa Oromoo bara 2014 keessa caasaa isaa dhaabbilee barnoota olaanoo (Yuunvarsiitii) hanga sadarkaa gadiitti diriirfatuun ifatti bifa cimina qabuun sochiiwwan warraaqsaa uummaticha maandheeffate karaa nagaatiin gaggeessaa tureera. Sochii kanas karaa icciitii ta’een qabsoo siyaasaa, afaanii fi eenyummaa saba isaa barsiisuu fi gurmeessuutti cehe.
Warraaqsa kanas bifa qindaa’een sochoosuun kaayyoo fi aggaammii saamicha lafaa naannawaa Finfinnee fi magaaloota Oromiyaa mootummaa EPRDF’n raawwataa ture dura dhaabbatuun fashaleesseera.
Mootummaan sabboontota Qeerroo Bilisummaa Oromoo hunda, maqaa “Shororkeessaa” fi “Farreen nageenyaan” moggaasuun kaan hidhee, kaan ajjeesee, qabsaa’oota hedduus biyya abbaa isaanii Oromiyaa dhiisanii biyya hambaatti akka baqatan godheera.
Kanaan osoo hin geenye saamichi lafaa kun ammas bifa qindaa’aa ta’ee fi maqaa “Master Plan” jedhuun marroo lammaffaaf qote bulaa Oromoo lafa isaarraa beenyaa tokko malee hari’anii, kaan ammoo lafuma Abbaa isaa Oromiyaa irratti waardiyyaa taasisuun itti fufe. Kanaa fi kanneen biroo bu’uureffachuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo ammas bifa haaraan Sadaasa 12, bara 2015 Warraaqsa haaraa maqaa “Fincila Diddaa Gabrummaa” jedhuun Finfinneerraa km 40 fagaattee kan argamtu Lixa Shaggar magaalaa Ginciitti dhoose. Ibiddi achii qabate sun osoo hin turiin guyyoota muraasa gidduutti guutuu Oromiyaa dhuunfachuu danda’eera. Warraaqsi Qeerroo kun itti fufiinsaan Master Plan hundeen buqqisuurra darbee, qabsoo hunda hammate kan Oromo Protest jedhamu ofitti dabalatee bara 2016tti daran ilmaan Oromoo biyya alaa fi keessa jiran sochoose.
Wareegamnii fi gaaga’amni lubbuu ilmaan isaarra gahus uummanni Oromoo falmaa hadhaawaa taasiseen impaayerattii raafama guddaa keessa galcheera. Warraaqsi Qeerroo kun bara 2011 hundeeffarne irraa kaasee haga bara 2018 mootummaa Wayyaanee handhuura Oromiyaa Finfinnee irraa buqqisuun Maqaleetti galchetti haala walirraa hin citneen gaggeeffamaa ture. Sochii kanaanis Oromiyaa harka diinaarraa baraarfachuuf daandii Qajeelaa argatee ture.
Dhuma bara 2018ttis Qeerroon jijjiirama siyaasaa guddaa impaayerattii keessatti fidee fi waamicha mootummaan maqaa jijjiiramatu dhufee fi marii nagaa jedhuun dhiheesseen ABOn karaa nagaa qabsaa’uuf biyya seene. Jijjiirama siyaasaa yookaan ammoo marii nagaatu jira haa jedhamuyyuu malee, jijjiiramnis ta’e nagaan biyyittii keessatti dhufuu akka hin dandeenye Qeerroon qaaccessee hubata ture. Sababni isaa sirnii fi qaamni ilmaan Oromoo ajjeesisaa, hiisisaa fi biyyaa baasaa ture; akkasumas qabeenyaa fi eenyummaa Oromoo saamsisaa ture ammayyuu bakkaa kaafamuu dhabuun isaa, abdii bilisummaa fi nagaa waaraa biyyicha keessatti dhufuu malu dukkaneessuu fi laamshessuu isaatiinii dha.
Qeerroon haala kanaan nagaan dhufuu akka hin dandeenye quba qabaatus, ABOn karaa nagaa gaggeessuuf jecha, Waraana Bilisummaa Oromoo irraa of baasuun imala qabsoo hidhannoo irraa gama nagaan socho’uutti murteeffate. Mootummaanis shiraa fi maltee ittiin WBO hiikkachiisan kalaqatee, maqaa araaraatiin ‘Koree Teeknikaa’ jedhee hundeesse. Karoora kanaan WBO sakaaluufis Oromiyaa gama kibbaa fi lixaatti bobbaase. Waraanni Bilisummaa Oromoo shira kana dursee hubachuun gochaa fi sochii mootummaan yeroo sana uummata Oromoo irratti raawwachuu eegale, karaa bifa jaarsummaa hin guunneen WBO sossobuutti seenuu fi haal-duree araaraaf WBOn lafa kaa’ate mootummaa biratti fudhatama dhabuu isaa irraa ka’uun qabsoon karaa nagaa geggeeffamuu akka hin dandeenyee fi fuul-durattis dhufuu akka hin dandeenye hubatuudhaan kaayyoo qabsoo bilisummaa Oromoo ganamaa fi qabsoo hidhannootti akka fufu labsa labsatee hojiitti seene. Miseensota Qeerroo Bilisummaa Oromoofis, daandiin qabsoo karaa nagaa cufamuu fi hogganoota dabalatee, miseensonni akkasumas deggertootni ABO jumlaan hidhaatti guuramuun abdii egeree qabsoo karaa nagaaf qaban jalaa dukkaneesse.
Hogganoonni ABO labsa labsaniin, “Ammaa booda qaama hidhatee bosona keessa socho’u hin qabnu” jechuun WBO qofaatti baasuu fi qophxeessuun burjaajiin bal’aan uummata gidduutti uumamuun isaa; Waraanni Bilisummaa Oromoo akkaataa kaayyoo bilisummaa Oromoo ganamaa fi qabsoo hidhannoo itti fufsiisu aanjessuun hooggana haaraa of keessaa akka qopheeffatu taasise. Kanumaan, Ajajaan Ol’aanaa ABO-WBO hundaa’ee qabsoon ABOs bosona Oromiyaatti deebite. Kanuma irraa kaasanii qaamonni Qeerroo hoogganna ofiin jedhan yeroo addaa addaatti Qeerroo qoqqooduu fi olola WBOn dambii dhaabaa diige jedhuun caasaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo bittinneessuuf burjaajii uumaa turuu fi ammas kanumatti jiraachuu waliin wal qabatee, Qeerroon Bilisummaa Oromoo burjaajii armaan olitti uumamee fi kanneen fuuldurattis uumamuu malan hambisuuf jecha, hoogganoota haaraa, caasaa fi sochii bifa haaraan diriirfatee hojiitti seenee jiraachuu ifa gochuu barbaanna.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo Jaarmiyaa Walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Oromootti amanu ta’ee, Oromiyaa Walaboomte ijaaree Hiree Murteeffannaa saba Oromoo mirkaneessuuf yeroo yeroon tooftaa qabsoo jijjiiruun of haaromsaa qabsoo hadhooftuutti jirudha.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo, Bilisummaan Oromoo kan dhufu karaa afaan qawwee qofaan akka ta’e beekuun qabsoo hidhannoo Hooggansi Qabsoo Bilisummaa Oromoo gaggeessu jala hiriiruun bu’aa ba’iilee hedduu keessa darbuun injifannoolee jajjaba galmeessaa as ga’ee jira. Saba kana Burjaajii irraa qolachuun qabsoo hidhannoo jala hiriiree guyyaa gabrummaa akka gabaabsinuufis cimsinee hojjechaa jirra. Murnoonni Qabsoo saba keenyaa kolaasuuf abbalaa turan ammas sakaallaa waan hiikkatan fakkaatu. Namni kamiyyuu waan itti fakkaate hojjechuu ni danda’a, garuu qabsoo sabaa fi qabsaa’ota hadheessaa fi xiqqeessaa deemuun akka hin danda’amne gadi jabeessinee hubachiisuu feena. Madaan kanaan duraa nuuf hin qoorre. Qabsaa’ota hedduu sababa murnoota abbootii dhimma dhuunfaa kanaaf dhabneerra. Qawwee lubbuu jaallaniin jijjiiramtes dhabnee obsinee ilaalaa turre/jirras. Ammatti kan wal hubachiisuu feenu, gufuu qabsoo Bilisummaa Oromoo kamuu buqqisuuf Qeerroo Bilisummaa Oromoo qophii fi eenyumaanuu kadhachuu akka hin deemne hubatamuu qaba. Bilisummaan lafaa hin argamtu, kadhaanis hin dhuftu. Sabni falmate bilisoomuun isaa waan hin oolleef, nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo kana hubachuun uummanni keenya burjaajiilee yeroo ammaa kana karaalee gara garaan itti aggaamamaa jiru kana dandamachuun burjaajessitoota kamiifuu gurra otoo hin laanne qabsoo ilmaan isaa dhiiga itti jigsaa, lafee itti cabaa fiddee asiin geesse kana waliin hiriiruun xumura akka itti horru ni dhaammanna.
Karaan nagaa Impaayericha jabeessuun Paarlaamaa keessaa maqaaf teessoo qooddachuuf malee, bilisummaa saba kanaa abadan dhugoomsuu akka hin dandeenye Oromoon beekuun karaan nagaa Impeeriyaalistoonni yeroo bulchiinsa isaanii bitachuuf kan dhimma itti ba’anii fi murnoonni aarsaa kaffaluu hin feene kan faayidaa ofiif bololan ittiin bultoo isaanii godhachuun afaanfaajjii uumaa jirachuu eenyumtuu hubachuu qaba.
Hogganoonni Qeerroo Bilisummaa Oromoo kanneen qabsoo ABO-WBOn geggeessaa jiru amananii fudhachuun uummata Oromoos falmaa sanaaf hiriirsaa jiran marii bal’aa yeroo adda addaatti geggeessaa turaniin murtoowwan armaan gadii kanas dabarsuu gad jabeessee hundaaf dhaamuu barbaada.
- Burjaajii qabsoo karaa nagaa Mootummaa Ce’umsaa Oromiyaa hundeessina jedhamu kan hin fudhannee fi maqaa kanaan warra burjaajii uumuu dura dhaabbannee, sabni keenya qawween cabe, qawwee jabeeffatee daangaaf lafasaa akka tikfatu ni dhaammanna, gahe keenyas ni baana.
- Qeerroon bilisummaa Oromoo guutuu Oromiyaa keessaa jirru marti keenya yeroo kamiinu caalaa jabaachuun Jaarmiyaa ABO-WBO cinaa dhaabbachuun tumsaa fi dirqama yeroon nurraa barbaaddu ba’achuun ni milkeessina.
- Hoggansi, caaseffamni fi akkaataan taligamuu jaarmayaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Ajajaa Olaana ABO-WBO jalatti qofa akka ta’ee hubachiisuu feena.
- Warraaqsi fi fincilli Oromiyaa maratti godhamu hundi wal utubbii hogganoota Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi Waraana Bilisummaa Oromootiin akka taasifamu murteerra geenyeerra.
- Casseffamni Qeerroo akkaataa ammaan duraatiin alatti bifa haaraatiin caaseffamaa jiraachuu isaa hubachiisnaa.
- Humni Dargaggoota Oromoo dirqamaan humnaan waraanaaf guuramaa, saamamaa jiruu fi abbootii teenya ilmaan isaanii qabeenyuma ofiitiin bitanii hidhaa baafatan ummanni Oromoo sirna nama nyaataa kanarratti akka dammaqu akeekna.
Haaluma kanaan, Qabsoo Bilisummaa Oromoo galiin gahuuf sochii fi injifannoolee warraaqsaan argaman mara tiksuun dirqama miseensa Qeerroo Bilisummaa Oromoo ta’uu hubatuun, caasaan qeerroo hundi qabsoo hidhannoo tumsuu fi caaseffama haaraa jalatti kan hiriiru ta’uu akka qabus murtee isaa dabarsuu barbaanna.
Maayyii irratti, uummanni keenya kanneen biyya keessaa fi ala jirtan, akkasumas qabsaa’onnii fi quuqamtoonni saba Oromoo hundi roorroo fi gidiraa saba keenyarratti deemaa jiru jabaannee ofirraa qolachuuf wayita hojiitti seennee jiru kanatti, murtoo fi sochii warraaqsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo bifa haaraan eegale kana akka tumsitanii fi cinaa dhaabbattan waamicha dabarsina.
Injifannoo Uummata Oromoof!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo!
Bitooteessa 19, 2025
Finfinnee, Oromiyaa

