- Qabsoo saba Oromoo guddeessa galmaan gahuuf dandeetti, beekumsa, humnmaa fi qabeenya qabnuun maraan wal gurmeessinee ni sossoona.
- Kaayyon keenyi faayidaa sabaa Oromoo tiksuuf fi niyaa saba keenyaa guutummaatti galmaan gahuuf akeeka mirga hiree murteeffannaa Oromoo guutuutti fiixa baasuuf ni warraaqna.
- Kaayyoo bilisummaa saba Oromoo fi fayidaa dhaloota dhufuuf dursa kennuun amanamummaa, fi cichoominaan ni hojjenna.
- Amanamummaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo (QBO), ummata Oromoo
guddeessaa fi Qabsaawota haqaa dirree irraa gatii lubbuu baasaa, galii bilisummaa saba keenyaaf hojjetaniifi qofaa dha.
- Injifannoo ummataa fi Qabsaawota keenyaa ni kabajna; rakkoo fi dhiphuu kamuu keessatti gamtaa fi tokkummaan waliin dhaabbanna.
- Kabaja dhalli namaa dhalootaan qabu ni ulfeessina. Qabsoon keenyi naamusa, tarsiimoo fi saansakkaan gaggeeffamtee tokkummaa fi wal-kabajuun galma geesasi. Kan irratti qabsoofnu gochaa hammeenyaa mirga dhala-namaa sarbu, kittillayyootaa fi baattota yaada hammeenyaa isaanii ta’uus ni hubanna.
- Sabaa fi sablammoota biraaf jibba tokko hin qabnu. Cunqursaa fi abbaa irree bakkaa kaasuu irratti qabsoo keenya waliin qindeeffanna, bilisummaa fi walqixxummaa saba hundaa akka mirkanaahu ni hawwina, kabajaa saba hundaa deebisuu, aadaa fi seenaa walii ulfeessuu, fi wal-irratti abdiin akka sabni hundi sosso’ee abbaa irree of-irraa kaasu hojjenna.
- Ummattoota mirga hiree murteeffannaa ofiif falman, warra nagaa, haqa, fi bilisummaa hawwan mara waliin hariiroo tarsiimoo tolfachuun egeree walii abdachiisaa waliin tarkaanfanna.
Injifannoo Ummata Oromoof!

