Akeekni fincila diddaa gabrummaa ummata Oromoo ifaa dha. Gabrummaa waggaa dhibbaa fi shantamaa olii sirni Impayera Itiyophiya ofirraa darbuudhaan, mirga isaa deebifachuu, mirga
abbaa-biyyummaa isaa gonfachuudhan nagaa, tasgabii fi qananiidhan biyya isaa keessa jiraachuu dha. Fincilli diddaa gabrummaa ummata Oromoo kan Sadaasa 9, 2005 eegale, wareegama ulfaataa jaallan itti baasaniin booda, lubbuu kumaatamaan lakkaawamu itti wareegee, bara 2018 keessa mootummaa farra ummattootaa kan ta’e EPRDF of irraa kaase yaadachuu fi bu’aa inni buusee seenaaf ol kaahuu fi bara baraan yaadachuun dirqii dha. Falmaa qabsoo gaggeeffamu keessatti gatii bilisummaan gaafattu, wareega lubbuu, hir’ina qaamaa, qabeenyi baduu fi jireenyi ummataa jeeqame hunda yaadachuun mi’aa bilisummaaf waan ta’eef kabajaan yaadachuun aannisa warraaqsaa ta’ee tajaajila.
Dilbiin Wareegama Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) keessatti baafame akka gaggeessitooti siyaasaa gaaffii sabaa Oromoo ittiin deebisan abdatamaniis warraaqsa QBO bara 2018 keessa yeroo butamu homaa gochuu hin dandeenye. Qaamni Warraaqsa uummataa
butes, partii keessaa bahe (EPRDF) diigee paartii PP jedhamu hundeessuun yakka isaa haguuguudhaaf yaale. Booda irra ammoo innuu farrummaa isaa dhokfachuu dadhabuun dhaadannoo “Qurxummicha Qabuuf Galaanicha Gogsuu dha” jedhuun uummataa Oromoo fi WBO irratti lola labsee. Ammas ganna 7 oliif itti fuufiinsaan Oromiyaa keessatti dhiiga dhangalaasa jira.
Ummatni harqoota cunqursaa jalatti kufee qabsoon maletti bilisummaa isaa gonfate, kan mirga abbaa-biyyummaa isaa mirkaneeffate seenaa keessatti mul’atee hin beeku. Cunqursaan lola dhaabee mirgi cunqurfamaa akka kabajamu tolches adunyaa irratti hin mul’anne. Mirgi ummatoota cunqurfamanii qabsoo qofaan argame, argamaas! Kana milkeessuuf bifa yeroo kamuu caalaa qindaawee fi guutuu biyyaa hammateen, tokkummaan harka walqabatanii Cunqursaan haa gahu! Lolli nurraa haa dhaabbatu! Gidiraan dachee keenya irraa haa dhabamu! Gaaffiin sabaa sirnaan haa deebihu! jedhanii qabsoo diddaa gabrummaa finiinsuudhan mirgi ummataa akka kabajamu tolchuun barbaachisaa dha.
Qabsoon keenyi kan PP irratti xiyyeeffate, mooraa cunqurfamtootaa kan jabeessee fi hamilee itti hore, fincila ummata Oromoo kan Bahaa-Dhihaan, Kaabaa-Kibbaan fi Gidduu-Galeessa dhaadannoo tokkicha jalatti gaggeeffamu dha. Fincilli barataa, dargaggoo, hojjataa, qoteebulaa; waliigala ummata Oromoo jiraataa magaalaa fi baadiyyaa mara hiriirsuu, kan mooraa diinaa raasee burkuteessuu qindeessuun fardii dha.
Diinni qindoomina akkasii sodaachuun dhaadannoo kijibaa “obbolaa gidduutti lolli haa dhaabbatu” jedhu qabatee sosso’aa, Oromoo ammoo lafa irraa duguugaa jira. Murni bittootaa Qabsoo Ummata Oromoo finiinaa jiruun rifattee dhaamsuuf; shira adda addaa xaxuu irratti argama. Maallaqa hedduu dhangalaasuun kanneen dantaa Oromoo irra kan mataa isaanii dursan bitachuu fi garii ammoo sodaachisuun dirqaman ummata Oromoo afanfaajessuu fi qabsoo isaa akka qabbaneessu godhuu irratti duulaa jiran.
Qabsoo ummata Oromoo qabbaneessuu fi dhuma irratti dhabamsiisuuf akeekkatanii ummata Oromoo irratti bobbahan kun akka abbaan irree mirga ummata cunqurfamee karaa nagaan furuu fakkeessuuf dhama’aa jiru. Akka sirni amma jiru kun dhiiga Oromoo dhangalaasaa hin jirreetti, lola uummata irratti hin labsineetti, “lolli obbolaa gidduu haadhaabbatu” jechuudhan yeroo bitachuuf carraaqan. LQabsoo ummola dhaabuu yoo barbaadan, loltuu isaanii Oromiyaa keessaa baasuun fi lola saba irratti labsiin bobbaasan of duuba dachaasuun uummata keenyaaf nagaa kennuu dandahu. Garuu, akeeki isaanii nagaa fiduu osoo hin taane uummata dagachiisanii sanyii duguggaa irratti gaggeessuu ta’uutu mul’ata.
Har’a qabsoo hidhannoo gagggeessuun akka filannoo saba kanaa ta’eetti, inumaayyuu
qabsoo kana keessatti hirmaachuun akka akeeka halagaa deeggaruutti fakkeeffamee akka ummanni sanyii duguggaa PP obsee jala turuuf gorsuudhaan umrii sirna cunqursaa
bubbulchuuf tattaafachaa jiru. Olola kana garii dirree bahanii mediyaa fi mediyaa hawaasummaa irratti yeroo ololan, kaan ammoo harka lafa jalaan yaada ummataa booreessuu fi facaasuuf tattaafataa jiru. Warreen bifa jaarmayaanis tahe, bifa nam-tokkeen fi murnaan
olola akkasii irratti bobba’an ergamtoota PPti malee gara biraa tahuu hin danda’an. Ummatni
Oromoo jarreen qabsoo isaa laaffisuuf ergaa diinaa fudhatanii bobba’an kana jabeessee of irraa eeguu fi dura dhaabbachuu qaba.
Ummata Oromoon, hin qabsaahiin, warri kaabaa sitti dhufaa jiru jechuun bulguu ittiin doorsisan tolchanii bittaan PP sirra haa turu jechuudha malee hiikaa gara biraa qabaachuu hin danda’u. Waggootii 7 dabran bulchiinsa PP jalaatti ummatni Oromoo kan argate yoo jiraate lola hamaa, ajjeechaa suukkaneessaa kan sirnoota duii keessatti argee hin beekne, hidhamuu, saamamuu fi biyyaa arihatamuu qofa akka tahe ifaa dha. Jireenyi ummata keenyaa waggoota torban dabran keessatti gad deeme malee waan foyya’e hin qabu. Qee’een isaa manca’e, dinagdeen isaa faca’e, nagaan bahee galuu dadhabe jalaa boorahe, du’a itti madaqe, ni hir’ate malee waan dabale hin qabu. Ummatni keenya ni hiyyoome malee hin duroomne.
Dhugaa kana ummata keenya caalaa kan beeku hin jiru.
Maddi gadadoo ummata keenyaa bilisummaa dhabuu dha. Osoo qabeenya qabuu itti ajajuu
dadhabee, osoo biyya qabuu mirga abbaa biyyummaa sarbamee, dhitaamee, saamamee waan jiraatuuf akkas tahe. Har’a ummatni Oromoo goowwomsaa fi cunqursaan kun nu gahe jedhee qabsoo isaa gaggeessaa jira. Fincilli diddaa gabrummaa waggaa digdama dura eegalame akeeka isaa galmaan waan hin geenyeef akka jabaatuu fi cimu tolchuun lammii Oromoo bilisuumaa sabaa barbaadu hundaa irraa kan eegamuu dha. Kan hin qabsaahiin, usii taa’i jedhu ammoo ergamaa PP ti. Diina irraa addatti hin laalamu. Dura dhaabatamuu qaba.
Ummata Oromoof daandiin seena-qabeessii fi bilisummaa isaa shaffisiisu qabsoo WBO gaggeessuutti dabalatee fincila diddaa gabrummaa waggaa 20 dura eegale karaa maraan finiinsuu duwwaa dha. Murni hawaasa Oromoo hundi harka wal qabatee kaayyoo jaallan irratti wareegaman galmaan gahuuf sochii jabeessuu qaban. Fincilli ummataa kan akka Nepal, Madagaskar fi kkf PPs raasee sagalee uummata Oromoo addunyaa guutuutti dhageessisun hamma kaayyoo qabsoo bilisummaa Oromoo galmaan gahutti itti fufa.
Cunqursaa of irraa kaasuuf ummatni Oromoo qabsoo isaa lafa irratti gaggeeffamu waliin
qindeeffatee itti fufa. “Bilisa taanee dhalannee bilisummaan jiraachuuf dhorkamnus bilisummaa keenyaaf qabsaawaa wareegamuu irraa humni nu dhorkuu dandahu tokkollee hin jiru, hin jiraatus!” Maaliif yoo jedhame, bilisummaan qabsoo qofaan argama! Kanaaf, Qeerroon Bilisummaa Oromoo, ummatni Oromoo marti ololaa fi yaada dogoggorsaa ergamtooti diinaa facaasaa jiran osoo hin dhaggeeffanne qabsoo isaa jabeessee akka itti fufu yaadachiisa. Maayii irratti injifannoon kan ummata Oromoo akka tahu shakkiin hin jiru.
Qeerroo Bilisummaa Oromoo!
Sadaasa 9, 2025
Email: qeerroobilisummaaoromoo1@gmail.com

