Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baga Sadaasa Sagal Guyyaa Yaadannoo Fincila Diddaa Garbummaan isin gahe – Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti Sadaasni Sagal guyyaa yaadannoo “Fincila Diddaa Garbummaa” jedhamee bara baraan ni yaadatama. Sadaasa 09, 2005 Waggaa 18 har’aa
Jaarmiyaan Oromoo angafti Mooraa qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti adda-durummaan kan beekamu waamicha Addi Bilisummaa Oromoo taasise hordofee , Warraaqsa Barattoota Oromoo, Qotee Bulaafi Horsiisee Bulaan dhoheedha. Warraaqsa kana keessatti Jaarmiyaa Adda Bilisummaa Oromoo keessaa Birkii tokko kan ta‟e Qeerroon Bilisummaa Oromoo dirqama guutuu ofiitti fudhachuun guutummaa Oromiyaa keessatti Fincila Diddaa Garbummaa geggeessuurra darbee Uummata Oromoo Gurmeessee Warraaqsatti galcheera.

Uummanni Oromoo Kolonii Habashootaa jalatti kufuurraan kan ka’e akkasumas, dhaloota Garbummaa nuffe waan horateef Warraaqsa seena qabeessa kana dhooseera. Gootowwan qaqqaalii Oromoon qabduun tarsiimoon Warraaqsaa bahuun, Fincilli Diddaa Garbummaa akka dhohuuf haal-duree tolchuu dandaa‟aniiru. Sirni Impaayericha humnaan bitee tures, Cunqursaafi hacuuccaa Oromoorratti daran waan hammeesseef akkasumas, qabeenya Oromoo saamuun daran
waan baballateef Warraaqsichaaf ka’uumsa ta’eera.

Humnoonni Impaayerichaan mormanillee yaadni hacuuccaafi cunqursaa Oromoo irratti qaban waan wal fakkaatuuf, sagalee Oromoo ukkaamsuuf yaaliin taasifame salphaa hinturre. Kana bu‟uura godhachuun Waamicha Addi Bilisummaa Oromoo taasise hordofuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo Warraaqsa walirraa hincinne itti fufe. Fincila Diddaa Garbummaa kana keessatti Aarsaa gurguddaan kaffalamaniiru. Dargaggoonni Oromoo fiiganii hinquufne tokkittii lubbuu isaanii wareeganiiru. Daa’imman kichuun itti kitimamaniiru. Haati Oromoo deessee guddiftee ilmaan ishee itti gabbarte. Lafa Oromoofi Bosona Oromiyaatu aarsaa kaffale. Hanga har‟aatti aarsaan barbaachisu itti baafamaa jira. Keessattuu Dargaggoonni Oromoo sochii al-idilee kana gara humna waalta‟eefi dhageettii qabuutti jijjiruuf Amajjii 5, 2011 Jaarmiyaa “Qeerroo Bilisummaa Oromoo” bu’uuressan.

Hundeeffama Qeerroo Bilisummaa Oromoo boodas sochiin Fincila Diddaa garbummaa haala miidhagaa ta’een itti fufe. Adeemsaafi bu’aa ba’ii dheeraa booda Qeerroon Bilisummaa Oromoo Mormiin “Maaster Pilaanii‟ qolachuuf Sadaasa 12, 2015 “Fincila Diddaa Garbummaa” irraa gara “Fincila Xumura Garbummaatti” jijjiiruu danda’eera. Sochiin Fincila Xumura Garbummaa kunis wareegamni ulfaataan itti haa kaffalamu malee, warraaqsichaan Mootummaa Abbaa Irree
EPRDF (TPLF/ Sirna Wayaanee) bara 2018 hundeen buqqisuu danda’eera.

Adoolessa 21, 2021 Waraanni Bilisummaa Oromoo kaayyoo Adda Bilisummaa Oromoo ganamaafi Qabsoo Hidhannoo itti fufsiisuuf Jaarmiyaa of danda’e ta’ee Dirreerraa ABO-WBO jechuun labsa dabarse. Burjaajiin hedduun dhalatanis Waraanni Bilisummaa Oromoofi Qeerroon Bilisummaa Oromoo of ijaaruun qabsicha baraaraniiru. Murtoo Jaarmiyaan ABO-WBO dabarse hordofuun Sochiisaa guutummaatti Jaarmiyaa ABO-WBO jalatti itti fufuuf Sadaasa 08, 2021
Hooggana Ajajaa Olaanaa ABO-WBO jala galfamuufi taaliga isaa dirreerraa akka fudhatu labsa labsee Qabsoo sabichaatti jira Qeerroon Bilisummaa Oromoo.
Walumaa galatti, Fincilli Diddaa Garbummaa gara Fincila Xumura Garbummaatti ce’ee har’a fiixee xumuraarra jira.

Dhumarratti, Sadaasa Sagal Guyyaa yaadannoo Fincila Diddaa Garbummaa kan Waggaa 18ffaa gaafa yaadannu Qabsoo Gootowwan qaqqaalii kumaa-kitilli itti kitimaman, tiksanii asiin gahan, “Nuti dhaloonni har’aas lafee keenya itti cabsinee, Dhiiga keenya itti lolaafne ni tiksina!” jechuun waadaa haaromsanna. Baatii Sadaasaa kanatti kanneen osoo Oromoo Bilisoomsuu fi Oromiyaa Biyya taate gad dhaabuuf warraqanii wareegama hadhooftuu kaffalan yaadachaa,

Xurree fi kaayyoo isaan irratti gatii kaffalan irraa maquun, irbuu gootowwan kaleessaa sharafuu fi gantummaatti kan fudhatamu ta‟uu Qeerroon Bilisummaa Oromoo hubachiisuu barbaada.

Oromiyaan Dhiigaaf Lafee Ilmaansheetiin Walaboomti.

Injifannoon Uummata Oromoof!
Sadaasa 08, 2023
Finfinnee, Oromiyaa

Exit mobile version