ONM-ABO Sadaasa 9, 2024
Uummatni Oromoo sirna kolonii irratti diddaa geggeessuun wareegama guddaa erga kaffalee boodas harka maratee osoo hin teenye qabsoo bifa bittinnaa’een geggeessaa ture karaa qaroo ilmaan isaa jaarmiyaa tokko jalatti ijaaramuun diinaan kokkee qabaa ture.
Qabsoo uummatni Oromoo sirna Dargii irratti geggeessuun abdii bilisummaa fi walabummaaf saaqe TPLF fi Shaabiyaan fesheluun ABO’n dhiibamee mootummaa ce’umsaa keessaa erga ba’een booda ilmaan Oromoo tooftaan qabsoo Oromoo bifa biraa dabalattee haa dhuftu jedhan qabsoo geggeeffamaa jirutti ijaarsi Qeerroo Bilisummaa Oromoo cimuun warraaqsi bobaa mootummaa jalatti akka geggeeffamu yaada dhiyeessuun hojiitti galan.
Labsii Jaarmiyaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo Sadaasa 9, 2005 uummata Oromoo maraaf taasisetti barattootni Oromoo bakkoota adda addaa irraa waamicha kana ofitti fudhachuun TPLF irratti hiriiraan mormii yoo dhageessisan mormii kana irratti jabaa namaa Qeerroowwan Oromoo Jagamaa Badhaaneefaan guyyaa kana wareegaman.
Dhiigni isaanii qabsaa’ota Qeerroo Bilisummaa Oromoo bakka cufaa kaasuun sirna TPLF’n Maqaleetti galchuun danda’ee ture.
Har’as uummatni Oromoo qabsoon isaa butamee dararaa ulfaataan irra qaqqaba kan jiru yoo ta’u, Qeerroon Bilisummaa Oromoos garbummaa kanatti xumura gochuuf diddaa isaa finiinsaa yaadannoo gochaa jira.
Har’a Sadaasa 9, 2024 FDG waggaa 19’ffaa kanas ilmaan Oromoo Oromiyaa keessaa fi alatti bakka hojii fi mana barumsaa akkasumas dirqamoota adda addaa keessa jiraatanii guyyaa kana miira lamaan yaadachaa jiraachuu gabaasaan bakkoota adda addaa irraa nu qaqqabe ni addeessa.

