Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Tokkummaa keenyaa fi Jaarmayaa keenya haga jabeeffannetti, Qabsoon Bilisummaa Oromoo Sodaa Butamsaa hin qabaatu. (Mudde 7, 2022 – Yaadachiisa Qeerroo Bilisummaa Oromoo)

Tokkummaa keenyaa fi Jaarmayaa keenya haga jabeeffannetti, Qabsoon Bilisummaa Oromoo Sodaa Butamsaa hin qabaatu.
(Mudde 7, 2022 – Yaadachiisa Qeerroo Bilisummaa Oromoo)

Akkuma beekamu, Warraaqsi Barattoota Oromoo kan diddaa weerara Faannoon lafa Oromiyaa irratti geggeessitu balaaleffatu, Daguuggaa Sanyii Sirni PP “Qurxummii balleesuuf, galaanicha gogsuu” jechuun Oromoo irratti geggeessaa jiru mormuu fi yakkoota Sukkanneessaa akka reeffa Oromoo gubuu, morma muruun daawwannaaf dhiyeessuu sirna Impaayera Itoophiyaa balaaleffatu qindoominaan geggeeffamaa jira.

Guyyaa kaleessaas, Gamtaan Barattoota Oromoo Sadarkaa Barnoota Olaanaa, ibsa ejjennoo waloo baasuun, Warraaqsi Barattoota Oromoo kun haga Oromiyaan nagaa argattee, Oromoon wabii amansiisaa argatutti kan itti fufu ta’uu ibsee ture.

Seenaa Qorannoon mirkanaa’e irraa akkuma hubannu, Impaayerri Itoophiyaa, Oromiyaa koloneeffachuuf, Oromoo harka walakkaa (Oromoo Miliyoona 10 keessaa, Oromoo Miliyoona 5) daguuguun, addumatti immoo, hoogganoota fi hayyoota Oromoo guutummaatti balleessuun sirna Gadaa fi Mootummaa Oromoo diige.

Haalli amma argaa jirrus sanuma fakkaata. Wayita Abiy Ahmed, akkuma Qabsoo Oromoo butee aangoo qabachuun “ወደ የቀድሞ የኢትዮጵያ ከፍታ እንመለስ” jedhu, warri soddaa fi eessumman isaa ammoo, “የአባቶቻችን ታርክ እንደግማለን” jechuun dhaadatan. Osoo hin turinis, Hiriira Guddicha Bahirdaar irratti Dhaadannoo “ኦሮሙማ ይውደም” jedhu dhageessifatanii, kunoo Oromoo gubanii nu agarsiisan.

Kun kan nu hubachiisu, “Seenaa Abbootii keenyaa deebisna” jechuun isaanii, shallaga salphaatiin, yoo xiqqaate Oromoo 50% dhabamsiifna (Miliyoona 60 keessaa, Miliyoona 30) jechuudha. Gabaabaatti, Oromoon jiraachuuf dirqama wabii qabaachuu qaba jechuudha. Wabiin saba kamuu ammoo biyya isaati.

Waan ta’eef,
1) Sochii Oromoo Baraaruu, #OB eegalame ciminaa fi walitti fufiinsaan geggeessuun, balaa daguugama sirna Impaayera Xoophiyaatiin Oromoo irratti labsame, Biyya Oromiyaa Walabaa fi Mootummaa ofii ijaarrachuun, Diinota Nagaan waliin jiraachuuf dadhabne kana, Ollaa taasisnee akka walkabjnu gochuu qabna.

2) Barattoonni, Qeerroon, Qarree fi Walumaagalatti Uummanni Oromoo, kana booda Warraaqsi ati taasisaa jirtu, Sodaa Butamsaa akka hin qabne hubadhu. Kaleessa Jaarmayaa qabsoo kee gudunfuuf gahumsa qabu dhabdee, Wareegamni qaalii ilmaan kee baasan itti dhabdan, Araara Sobaa fi Gowwoomsaatiin diinaan butameera. Har’a garuu ilmaan kee, Jaarmayaa ABO-WBO jalatti morma isaanii kennanii diina mormatti siif mormaa jiru. Hooggansa jabaa fageessee arguu fi Hayyoota si dhaggeeffatu argatteetta. Kanaafuu, Sochii taasiftu mara waraana kee WBO waliin walhubannoon geggeessuun, Wareegama salphaatiin Biyya kee Oromiyaa dhuunfadhu.

3) Ilmaan Oromoo Miseensota Waraana PP keessa jirtan, Sochii Oromiyaa Baraaruu danquu irraa akka ofqusattanii fi gara Sochii #OBtti makamuun, akka ofbaraartan irra deebiin yaadachiisna.

Mootummaa dhabnee Biyya dhabne.
Biyya dhabnee hunda dhabne.

Haga Biyya keenya Oromiyaa irratti, ” Mootummaa Uummataa, Uummataan Uummataaf” ijaarrannutti qabsoo Bilisummaa, Tokkummaa keenyaan itti fufna.

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

OB

Oromiyaa Baraaruun, Oromoo Baraaruu dha!

Oromiyaan Biyya!

Exit mobile version