Uummati Oromoo Tokkummaa Siibilarra Jabaatuun Waliin Dhaabbatee Sirna Kallattii Ifaa fi Dhokataan Duguuggaa Sanyii Geggeessaa Jiru Maafiyaa PP Ofirraa Buqqaasuu Qaba.
( Labsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Mudde 11, 2022 )
Uummata Oromoo gidduutti daangaa gandummaa diriirsuuf sirni PP dhagaa hin buqqaasne kamillee hin qabu.
Haa ta’u malee, Uummanni Oromoo daangaa diinummaa sirni PP gandummaan isa gidduutti ijaaruu barbaade kamiin illee osoo hin dhaga’in dhugaadhaan waliif dhukkubsachuu fi waliif jiraachuu isaa hojiiwwan Sochii Oromiyaa Baraaruu, #OB torban kanaa irratti, haala diinni abjootee hin beekneen, qeerroon diigameera jedhamee diinaan lallabame, sagalee isaa kan diinni diroonii caalaatti sodaatu uummata isaaf dhageessisuun, sirna PP rifaasise.
Sochiin Barattoota Oromoo, dhugaa Waraanni Bilisummaa Oromoo qabatee jiru mul’isuun olitti, uummanni Oromoo, yeroo kamittuu diina isaa gamtaan qolachuuf qophii ta’uu kan agarsiiseedha.
Sochii Warraaksa Oromiyaa Baraaruu, #OB guutummaatti bifa tasgabbiitiin geggeeffamaa ture irratti, murni bilxiginnaa tarkaanfiilee garaagaraa fudhatee jira.
- Barattootni Oromoo, hangamuu karaa nagaa sochii taasisanillee, hidhaa, reebichaa fi mana barumsaa irraa ari’amuuf saaxilamanii jiru.
- Sochiin Barattoota Oromoo kan Warraaqsa Galaana Uummataan dabaalame, hangamuu golee Oromiyaa hundaan dhowullee, qondaalota PP fi miidiyaalee addunyaatiin xiyyeeffannoo malu hin kennamneef.
Qabxiileen kun lachan, waan tokko nuuf akeeku. Innis, 1. Hangamuu Oromoon karaa nagaa yoo sagalee isaa dhageessifate ykn callisee taa’e, tarkaanfii diinaaf saaxilamuu irraa akka hin baraaramneedha. Sababni isaas akeekni diinaa, guutummaatti tooftaa kamiinuu gargaaramee ( Oromoo sodaachisees haa ta’u lafarraa fixee) Oromiyaa weeraruu akka ta’ee dha.
- Qondaalonni PP fi miidiyaalee Idil addunyaa, Oromoon hangamuu miidhame, hangamuu karaatti bahee Sagalee isaa dhageessifatus, gaaffii Oromoo callisuun bira kutuu akka mala furmaataatti fudhachuu isaaniiti.
Waamicha Marii bakka Qaamni sadaffaa ( Walabaa ) jirutti taasifamuun rakkoo siyaasaa impaayerattii karaa nagaan haa hiiknu jedhee Jaarmayaan ABO-WBO irra deddeebiin taasisus dhageettii dhorkameera.
Kanaafuu nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo, hanga Qabsoon Bilisummaa Oromoo xiyyeeffannoo isaaf maluu fi deebii qulqulluu argatutti qabsicha ofitti hirkannoodhaan, diina ofirraa qolachuuf uummanni keenya waraana isaa WBO waliin akka falmatu labsa dabarsineerra.
Labsiiwwan kunneenis:-
- Daandii ugguruu, (daandiwwan gurguddaa gara Magaalaa Finfinnee Seenan, daandii Gurraachaa fi Daandiin cirrachaa kamuu ni ugguramu. Oromiyaa keessatti Daandiwwan Waraanni Sirna Faashistii irra deemuun Uummata keenya daguugu ksmuu ni ugguramu. Qaamni labsii kana cabsee deemuuf yaalu kamillee rakkoo isarra ga’uuf gaafatama isaa fudhata)
- Uggura Dinagdee (Qabeenyi diinni keenya nyaatee Morma keenya nu muru, maddisaa Orimiyaa waan ta’eef qabeenya keenya hunda gabaarraa ittisuu, bituu fi gurguruu irraa of ittisuu)
- Gabaa lagachuu (Sirni abdii kutate PPn bakkoota Humnoota Nafxanyaa Amaaraa bobbaasee, Waraana ofii isaatiin bobbaasuun ajjeesee bakka garaa ga’uu dadhabetti, aleellawwan qilleensaa kan xiyyaara nam-maleessaa (Drone) dhaan godhuun Uummata keenya obbaasaa waan jiruuf, Uummati keenyi of baraaruuf sochii kamiyyuu kanneen akka Gabaa deemuu, Walitti qabama namootaa gosa kamirraallee of ittisee waan danda’uun Qabsoo Walabummaaf godhamu kanatti dabalamee seenaa galmeeffachuun yeroon isaa amma)
- Hojii dhaabuu (Hojjetaan Mootummaa fi Miti-Mootummaa sadarkaa kamirrallee jirtan hojjechuun ittiin jiraachuuf, bakka sabni keenya salphina sabummaa salphatetti ammoo jireenyi nuti jiraannu jireenya qixxee du’aa waan ta’eef haga mirga keenyaaf falmannee, of kabachiisnee Biyya Walabaa mataa keenyaan hooggannu Oromiyaa dhuunfannutti dirqama Oromummaa kana ofitti fudhachuun hojiirra akka oolchitan gadi jabeessinee hubachiisna)

