ONM-ABO Adoolessa 30, 2025
Gareen faashistii PP karoora Biraanuu Naggaafaan Oromiyaa kilaaasteratti qooduu fi saboota ollaan lafa saamsisuu akkasumas lafa Oromiyaa bulchiinsa saboota ollaa jala gochuu qabatee socho’aa jiru jabeessuun torbee darbe manni maree Bilxiginnaa naannoo Soomaalee caaseffama bulchiinsa haaraa taasiseen wal qabatee fedhiin lafa Oromiyaa daangaa Booranaa irra jiran waan keessatti mul’ateef karoora saamicha lafaa kana mormuun ilmaan Oromoo godina Booranaa guyyaa 4’ffaaf mormii qaban dhageessisanii jiru kan jedhan Qeerrooon Bilisummaa Oromoo godinichaa, mormiin kun Oromiyaa bakka maratti babal’achuun abbaa biyyummaa keenya gaaffii keessa gale mirkaneeffachuu qabna jechuun waamicha Qeerroo Bilisummaa Oromoo maraaf dhiyeessanii jiru.
Lafti keenya karaa Mooyyaalee haa ta’u jedhamee Oromiyaa daangaa idil addunyaa dhorkachuuf bara TPLF-OPDO hojjetamuun lafa Oromoo hedduu harka Soomaalee jala galchuun bulchiinsa isaanii taasisaniif kan jedhan Qeerroon Bilisummaa Oromoo godina Booranaa, kun ammas itti fufuun lafa dabalataa fudhachuuf magaalaa fi godina haaraa nu irratti hundeessuuf murtii qe’ee itti aanaa gaafatamaa paartii badhaadhinaa Adam Faaraa keessatti murtaa’ee waan jiruuf, kun mootummaa PP’n deggeramee geggeeffamaa waan jiruuf tumsa waloo nu gaafata jedhan.
Waggoota dhiyoo TPLF-EPRDF hanga funyaaniitti hidhatee saamicha lafaa fi uummata Oromoo lafa naannoo magaalaa Finfinnee irraa buqqisuu akkasumas, maaster pilaaniin wal qabatee tokko taanee mormii geggeessinee TPLF’n aangoo irraa akkuma kaasne har’as warra dhiiga keenyaan bu’aa siyaasaa argame butuun aangootti dhufe bakkaa kaasuuf tokkummaan mormii geggeessuun barbaachisaa ta’uu hubannee guutuu Oromiyaa keessatti geggeessuu qabna jechuun barreeffama Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf erganiin beeksisaniiru.
Lafti keenya lafee keenya waan ta’eef lafa dhiiga abbootii keenyaan tikfamee as ga’e akkasumaan teenyee laachuun fafa ta’uu hubannee irree keenya cimsachuu qabna jechuun, yoo kan callisnee ilaallu ta’u adeemsi ammaa kun Oromiyaa mara keessatti jabaatee itti fufuun boca Oromiyaan qabdu kan jijjiiruu fi hawaasummaa ishee kan diigu ta’uu himaniiru.
Kanaafis Qeerroon Bilisummaa Oromoo Oromiyaa mara irraa tokkummaan kaanee mormii qindaa’aa fi wal hubannoo qabu ammaa fi tarkanfii murna faashistii PP gocha kana deggeraa jiru irratti taasisnee abbaa biyyummaa keenya dhugaa akka mirkaneeffannu jechuun waamicha kan taasisan Qeerroo Bilisummaa Oromiyaa godina Booranaati.

