Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Boranaa Magalaa Yaaballoo keessatti hiriirri balaaleffannaa saamicha lafaa marsaa lamaffaaf itti fufeen hawaasni dammaqinaan argamuun ejjennoo isaa ibsate

ONM-ABO Hagayya 6, 2025 

Manni maree Bilxiginnaa Soomaalee caaseffama zoonii fi bulchiinsa magaalaa haaraa baasuun lafa Mooyyaaleen Oromiyaa daangaa isa keessa galfachuuf murtoo dabarse mormuun ilmaan Oromoo godina Booranaa hiriira marsaa duraa Adoolessa 27, 2025 eegalamuun aanaalee fi bulchiinsa magaalota  godinichaa adda addaa keessatti geggeeffamaa turuun gidduutti dhaabbate bifa haaraan marsaa 2ffaa kaleessa Hagayya 5 magaalaa Yaaballootti itti fufsiisanii jiru.

Murni Bilxiginnaa haala salphaan lafaa fi qabeenya Oromoo saboota biroof kennee isaan biratti fudhatamummaa argachuun aangoo irra tutturuuf fedhii qabu irraa ka’uun har’as Mooyyaalee durattuu PP durii maqaa OPDO’n turteen lafti irraa Soomaaleetti gurgurame itti dabaluufiif labsii kana baasanii jiru.

Labsii lafa Oromoo ormaaf kennee Oromiyaa daangaa idil addunyaa dhorkatu kun akeeka Oromoo dadhabsiisuu fi marfama keessa galchuu ta’uu kan hubate uummatni Oromoo Booranaa hiriira marsaa 2’ffaaf magaalaa guddittii godinichaa Yaaballootti kaleessa taasise kanan gocha kana balaalefachuun hatattamaan akka sirraa’uuf gaafataniiru.

Lafti keenya lafee keenya kan jedhu uummatni Oromoo godinichaa, gocha dabaan lafa eenyummaa fi seenaa keenya ta’e dabarsanii kennuu kana hanga xumuraatti dura ni dhaabbanna jedhanii jiru.

Tarkaanfii saamicha lafa Oromoo irratti taasifamaa jiru kana mootummaan ofii isaa waan beekuuf akka godhetti dafee haa sirreessus jedhaniiru.

Dhimma lafti Booranaa kukkutamaa jirtu ilaalchisuun Abbaan Gadaa Booranaa duraanii Ab Kuuraa Jaarsoo gaaffii fi deebii BBC Afaan Oromoo waliin taasisaniin lafa Booranaa mootummaa kanatu gurgurate mootummaan walitti nama naquu fedha, hanga alaabaan lama Mooyyaalee keessa dhaabbatutti nagaan dhufuu hin danda’u, akkuma godhetti hiikuu qaba, alaabaan Soomaalee Mooyyaalee keessaa ka’uu qaba jedhanii turuun ni yaadatama.

Exit mobile version