Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hiriirri saamicha lafa Oromoo karaa Kibba Oromiyaa daangaa Booranaa mootummaa Soomaaleen geggeeffamu jiru mormu marsaa 2ffaan guyyaa 3ffaaf aanaa Dubluq keessatti geggeeffame

ONM-ABO Hagayya 7, 2025 

Lafti Oromiyaa hin saamamuu, alaabaan Soomaalee Mooyaalee keessaa haa buqqa’u, murni Bilxiginnaa rakkoo kana akka uumetti haa furuu, dhimmi Mooyaalee ulaa galaanaa nuuf caalaa fi kkf jechuun hiriirri mormii Adoolessa 27, 2025 godina Booranaa keessatti jalqabe marsaa 2ffaan  bifa haaraan aanaalee adda addaa keessatti itti fufee jira.

Hiriirri marsaa 2ffaan Kibxata dheengaddaa Hagayya 5 godinicha keessatti kan eegale yoo ta’u, har’a guyyaa 3ffaaf aanaa Dubluq keessatti mormiin jiraattotaan dhaadannoolee hedduu dhageessisuu fi qabachuun ba’ameera.

Mootummaan Bilxiginnaa naannoo Soomaalee karoora haaraa lafa babal’ifannaa mana maree isaaniin erga raggaasisaniin booda mormiin godina Booranaa keessatti kan itti fufe yoo ta’u, uummatni lafa keenya karaa nagaa nuuf tiksaa, isaa fudhatame nuuf deebisaa ykn mormiin kun hin dhaabbatu; lafti keenya lafee keenya jechaa jiru.

Guyyaa kaleessaas aanaa Mataa  Gafarsaa magaalaa Areeroo keessattis hiriirri guddaan ejjennoo lafa Oromiyaa irratti qabanii fi saamamuu isaa ta’anii ilaaluu akka hin dandeenye ibsu hawaasa bal’aan; xiqqaa fi guddaa osoo hin jenne ba’anii dhageessisaa turaniiru.  

Gareen Bilxiginnaa Soomaalee karoora lafa babal’ifannaa mootummaa federaala waliin ta’uun baafatee socho’aa jiru kana milkeessuuf poolisoota isaa hidhannoo guutuun kan bobbaase yoo ta’u , godinuma Booranaa karaa aanaa Waaccillee seenuun jiraattota irratti dhukaasanii turan.

Exit mobile version