Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Jimmaa bulchiinsa Magaalaa Jimmaatti Bilxiginnaan marsaa lammaffaaf namoota hedduu leenjisanii gara basaassummaatti bobbaasuun saaxilame

ONM-ABO Onkoloolessa 26, 2024 

Kutaalee Oromiyaa cufa keessatti Bilxiginnaan gama hundaan ilmaan Oromoo lafa irraa duguuguu karoorsaa ooluun, kanneen impaayera jiguu geesse suphuu danda’an yeroo gara yerootti leenjisee bobbaasuun sabboontota ilmaan Oromoo irratti dararaa hamaa raawwachaa jiru.

Haaluma kanaan, godina Jimmaa bulchiinsa magaalaa Jimmaatti Bilxiginnaan marsaa lammaffaaf namoota hedduu leenjisuun gara hojii basaassummaatti bobbaasuun saaxilamee jira.

Basaastonni leenjii xumuruun bobba’an kunneen kanaan dura hidhamtoota siyaasaa maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun hidhamanii kan turanii fi ji’oota darban keessa mana hidhaa godinaalee Oromiyaa hundaa irraa baafamuun maqaa “leenjii haaromsaa” jedhuun godina Jimmaa mooraa leenjii waraana Bilxiginnaa “Xoollay” jedhamuun beekamutti ji’ootaaf leenjiirra kan turan yoo ta’u, Onkoloolessa 24, 2024 leenjii isaanii xumuruun dirqama murni bilxiginnaa itti kennite fudhachuun gara bakka dhaloota isaaniitii deebi’aa jiraachuu leenjitoota keessaa namni dubbisne tokko yaada isaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf kennee jira.

Akka leenji’aan dubbisne kun jedhutti, dirqamni itti kennames Waraana Bilisummaa Oromoo akkuma kanaan duraatti quunnamuun sochii fi bakka inni jiru hordofuu, namoota kanaan dura osoo hin hidhamin dura waliin hojjetaa turan adamsanii qabsiisuu fi sabboontota ilmaan Oromoo adamsuun hisisuu fi kkf ta’uu dubbateera.

Exit mobile version