ONM-ABO Muddee 16, 2024
Kutaalee Oromiyaa mara keessatti mootummaan garboomfataan bilxiginnaa maqaa garaa garaatiin loltoota isaa bobbaasuun saamee saamsisaa kan jiruu fi uummata Oromoo gama dinagdeen illee garmalee quucarsaa kan jiru ta’uun ni beekama.
Torbee darbe irraa eegaluun magaalaa Jimmaatti ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa “deggarsa paartii badhaadhinaa” jedhuun jiraattota magaalichaa irraa dirqamaan qarshii 1,000 tokko tokkoon isaanii irraa fudhachaa jiraachuu jiraattonni saamaman kunneen ONM’tti himan.
Akka jiraattonni kunneen jedhanitti, bulchiinsa magaalaa Jimmaa keessatti maqaa kaffaltii gosa adda addaa itti dhahuun qarshii hedduu yeroo yeroon saamaa jiraachuu himuun, qaala’iinsa gabaa waliin wal qabatee hawaasni rakkoo hamaaf saxilamaa jiraachuus dubbataniiru.

