ONM-ABO Onkoloolessa 8, 2024
Murni garboomfataa impaayerattii sababa adda addaa itti dha’uun ergamtoota isaa bobbaasee ilmaan Oromoo kutaalee Oromiyaa cufa keessa jiran saamee dinagdee isaa kufe mataa olqabuuf ifaajaa kan jiru ta’uun ni beekama.
Haaluma kanaan, godina Jimmaa bulchiinsa magaalaa Jimmaatti ergamtoonni bilxiginnaa hawaasa irratti saamicha raawwachuu cimsanii itti fufanii jiraachuun ibsameera.
Magaalaa Jimmaa ganda Ginjoo fi Ginjoo Guduruu jedhaman keessatti Onkoloolessa 5, 2024 halkan keessaa sa’atii 2:30 irratti namoota bakka dalagaa isaaniitii galaa jiran, namoota jimaa harkatti qabatanii jiran sababeeffachuun akka waan jimaa daldaluun dhorkaa ta’eetti uummata nagaa saamaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa himan.
Akka jiraattonni kun himanitti, osoo namoonni kunneen quba hin qabaatin hokkoraa fi saamicha lukkeelee bilxiginnaan jiraattota irratti raawwatameef jecha sodaa lubbuu isaaniif manneen amantaatti yoo baqatan, gariin immoo daandii irra osoo baqatanii saamichi hamaa ta’e irratti geggeeffamuu irraa kan ka’e namoonni hedduun qarshii fi jimaa saamamuu isaanii dubbataniiru.

