ONM-ABO Sadaasa 23, 2024
Ergamtoonni Bilxiginnaa waanuma isaanitti fakkaate kalaquun ilmaan Oromoo dararanii fedhii garaa isaanii guuttachuuf qofa miidhaa ulfaataa geessisaa kan jiran yoo ta’u, godina Jimmaa bulchiinsa magaalaa Jimmaatti ajajaan kumaa waraana Bilxiginnaa tokko lafa jiraattotaa saamuun faayidaa dhuunfaa irra oolfatee jiraachuun saaxilamee jira.
Magaalaa Jimmaa ganda Ginjoo Guduruu jedhamu irraa ajajaan kumaa waraana Bilxiginnaa tokko kan maqaan isaa Alamaayyoo jedhamu lafa jiraataa magaalichaa tokko humnaan irraa fudhachuun abbaa qabeenyaa tokkotti gurguratee jiraachuu maddeen itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Akka maddeen himanitti, yeroo ammaa kanas gocha dabaa namni kun raawwateen abbaa lafaa duraanii fi abbaa qabeenyaa laficha bite gidduutti walitti bu’iinsi uumamee jira.
Ajajaan kumaa waraana Bilxiginnaa kun naasuu tokko malee dararaa gara jabinaa adda addaa uummata magaalichaa irratti raawwachaa kan ture ta’uu himuun, wayita ammaa kana ammoo gara Baha Oromiyaa Harargeetti jijjiiramee hawaasa nagaa irraan dararaa hamaa gahaa kan jiru ta’uu dubbataniiru.

