ONM-ABO Amajjii 22, 2025
Kaabinoonni Bilxiginnaa waanuma isaanitti fakkaate kalaquun ilmaan Oromoo dararanii fedhii garaa isaanii guuttachuuf qofa miidhaa ulfaataa geessisaa kan jiran yoo ta’u, godina Jimmaa bulchiinsa magaalaa Jimmaatti kaabineeen Bilxiginnaa tokko lafa jiraattotaa saamuun faayidaa dhuunfaa irra oolfatee jiraachuun saaxilamee jira.
Magaalaa Jimmaa ganda Ginjoo Guduruu jedhamu irraa ajajaan kumaa Bilxiginnaa tokko kan maqaan isaa Alamaayyoo jedhamu lafa jiraataa magaalichaa tokko irraa humnaan fudhachuun abbaa qabeenyaa tokkotti gurguratee jiraachuu kana dura akkuma isiniif gabaasnee turre, ammas irra deebiin lafa jiraattotaa saamee irraa ari’uun abbootii qabeenyaatti gurgurataa jiraachuu maddeen itti dhiheenyaan hordofan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Akka maddeen himanitti, ajajaan kumaa waraana Bilxiginnaa kun naasuu tokko malee dararaa gara jabinaa adda addaa uummata magaalichaa irratti raawwachaa kan ture waan ta’eef namni itti dubbatu kan hin jirree fi mana murtiis yoo deeman sababa biraa ofitti dhaluu akka ta’e himuun, walumaa galatti namoota baay’inaan 3 ol ta’an jalaa lafa kan saamee fi yeroo ammaa kana immoo gara Baha Oromiyaa Harargeetti jijjiiramee hawaasa nagaa goolee dararaa hamaa irraan gahuun, lafa jiraattotaa “kan kooti” jedhee gurgurataa jiraachuu maddeen gabaasan.

